Nature

4/sidebar/recent

Breaking News

Yesuus Kiristoos Nama Guutuu Ta’uu Isaa (Namummaa Isaa)

 

                                                               Yesuus Kiristoos Nama Guutuu Ta’uu Isaa (Namummaa Isaa)

Ragoolee
Durbarraa dhalachuu isaa:-Haala dinqisiisaadhaan durba kan turte Maariyam irraa dhalate.
Isheenis humna Hafuura Qulqulluutiin abbaa foonii malee isa ulfoofte (Mat 1:18-20)
Raawwiilee sagalee raajotaatiif durbummaan ulfaa’uu ishee qofa utuu hin ta’iin durbummaan
da’uun ishees barbaachisaa ture.
Kanaafis mucichi (Yesuus) ilma Waaqayyoo isa qulqulluu ture (Luq 1:34-36)
A. Barbaachisummaa Durbarraa sanyii dhiiraa malee dhalachuu isaa
a. Fayyinni guutummaatti kan dhufu Waaqayyo biraa qofa waan ta’eef
Namni tattaaffii isaatii fi fedha isaatiin tasuma iyyuu fayyuu hin danda’u. Kanaafuu karaa
ayyaanaa fayyisuu Waaqayyoo eeggachuutu irra waan tureef.
b. Karaan eeyyummaan isaa nama guutuu fi Waaqa guutuu ta’e ittiin qaama tokko ta’uu
danda’u karaa kana qofa waan tureef
Yesuus maatii foonii utuu hin qabaatiin Waaqa irraa foon guutuu uffatee utuu bu’eera ta’ee
nama guutuu ta’uu isaa mirkaneessuun hin danda’amu ture.
Yesuus akkuma keenya haadhaa fi abbaa foonii irraa utuu dhalateera ta’ee tasuma iyyuu
Waaqa guutuu ta’uu isaa mirkaneessuun hin danda’amu ture.
c. Nama guutuu ta’uun isaa fi sanyii cubbuu irraa walaba (bilisa) ta’uun isaa kan ittiin
mirkanaa’e dha.
Yesuus akka namoota biroo itti fufiinsa sanyii Addaamiin kan dhalate miti. Sanyiin kan
lakkaa’amu karaa dhiiraa malee karaa dubartiitiin miti.
Hafuurri Qulqulluun Maariyam cubbuu qabaattu iyyuu gara Yesuusitti akka hin darbine hojii
golguu isaa hojjeteera (Luq 1:35)
B. Amaloota Namummaa Yesuus Kiristoos
a. Yesuus qaama (dhagna) namaa uffateera
Akka mucaatti dhalateera (Luq 2:7). Akka ijoolleetti, ogummaan, beekumsaan, qaamaanis ni
guddata ture (Luq 2:40,52)
Ni dadhaba ture (Yoh 4:6)
Ni beela’a ture (Mat 4:2)
Ni dheebota ture ( Yoh19:28)
Ergamootni isa ni tajaajilu turan (Mat 4:11)
Lubbuu isaa harka Waaqayyootti adaraa kennate ( Luq 23:46)
Yeroo warra du’an keessaa ka’etti qaamni namummaa isaa guutummaatti qaama (dhagna)
du’aa ka’uu uffatee ka’eera. Kanaafuu qaamaa fi lafee kan qabu malee hafuura hin turre (Luq
24:39) fuula isaanii durattis nyaata nyaateera (Luq 24:42, Yoh20:17,20,27, Yoh 21:9-13)
Hundumtuu utuu ilaalanii qaamuma ittiin ka’e sanaan gara waaqaatti (samiitti) ol ba’eera.
(HoE 1:9). Kaafuu Yesuus deebi’ee kan dhufu qaamaan malee hafuuraan miti.
b. Yesuus sammuu namummaa qaba.
Ogummaatti ni guddata ture.
Akkuma ijoollee warra kan biraa hundumaatti, nyaachuun, deemuun, dubbisuu fi k.k.f
barachaa guddatte. Ajajaa (abboomaa) kan tures abboomamuu barate (Ibr.5:8)
c. Lubbuun Yesuus fedha namummaa qabdi turte
Lubbuun kutaalee sadii qabdi:
      1. Fedha
      2. Miira
      3. Beekumsa
Lubbuun isaa ni dhiphatti turte (Yoh 12:27)
Hafuura isaatiin ni dhiphata ture (Yoh 13:21)
Lubbuun isaa ni gadditi turte (Mat 26:38)
Ni ajaa’ibsiifata ture ( Mat 8:10)
Ni gaddaa, akkasumas ni boo’a ture (Yoh 11:35)
Sagalee guddaadhaa fi imimmaaniin ni kadhata ture (Ibr 5:7)
2.2. Yesuus Kiristoos Nama isa Tokkicha isa Raawwatee Cubbuu hin Qabne
Yesuus Kiristoos nama guutuu yeroo ta’u, sanyii namaa isa cubbuudhaan manca’e irraa adda kan
isa godhu raawwatee cubbuu kan hin hojjenne ta’uu isaati. Namni jalqaba gaafa Waaqayyo isa
uume cubbamaa hin turre, akkasuma Yesuus akka namicha isa yeroo jalqabaa sana cubbuu irraa
walba (bilisa) kan ta’e nama guutuu ture jechuu dha.
Ani ifa biyya lafaa ti (Yoh 8:12). Ifni ibsituu dhugummaa (haqummaa) fi qulqullummaa ti.
Ani yeroo hundumaa kan isa gammachiisu nan hojjedha (Yoh 8:29). Abboommii abbaa isaa ni
raawwata ture (Yoh 15:10), Philaaxoosis yakka tokko illee isa irratti hin argine (Yoh 18:38).
Fakkeenya foon isa namni cubbamaan uffatu uffate malee cubbamaa ta’ee hin mul’anne
(Rom 8:3)
Cubbuu tokko illee hin qabu (cubbuu tokko illee hin beekne) ture (2Qor 5:21). Qoramu iyyuu
raawwatee tasuma iyyuu cubbuu hin hojjenne (Ibr 4:15). Inni hamaadhaan hin qoramu waan
ta’eef (Yaq 1:13).
Qulqulluu fi mudaa kan hin qabne cubbamoota irraa adda kan ba’e nama guutuu ture
(Ibr 7:26, 1Phex 1:19, 2:22, 3:38, 1Yoh 2:1, 3:5)
Barbaachisummaan sababni qoramuu isaas nu gargaaruudhaafi (Ibr 2:18)
1.4 Yesuus Kiristoos guutummaatti nama ta’uun maaliif barbaachisee?
Ergamaa Yohaannis ergaa isaa kan barreesse “Yesuus nama guutuu miti” kan jedhu barumsi
dogoggoraa yeroo ka’etti ture. (1Yoh 4:2-3)
Dosetizimii (Docetism):- Dokiyo jechi jedhu jecha Girikii yeroo ta’u hiikni isaas fakkaachuu
yookiin dhihaachuu jechuu yeroo ta’u nama fakkaate malee nama hin taane kan jedhu
barumsa falaasafaa (kalaqa sammuu isaa) ture.
2.2. Barbaachisummaa guutummaatti nama ta’uu Yesuus Kiristoos
a. Bakka bu’ummaan abboomamuudhaaf (For representative obedience)
Addaam sanyii dhala namaa bakka bu’ee abboomamuu diduudhaan cubbuu hojjete.
Kanaafis namni hundi sababa irra daddarbaa Addaamiif kan cubbuu hojjetuu fi kan irra daddarbu
ta’e. (Uma 2:15, 3:8)
Irra daddarbaa Addaamiif kufiinsa isaa.
Karaalee cubbuu ittiin galan sadan (3)’n (1Yoh 2:15-16)
Dubartittii fi Abbaa manaa ishee
Bareedina ijaa -----------------------------------------Ijatti kan nama hawwatu.
Kajeellaa (hawwa) foonii …………………………Nyaachuudhaaf kan miidhagu.
Jireenyaan kooruu (boonuu)………………………Ogummaadhaaf gaarii akka ta’e argite.
Kiristoos
Kiristoos sanyii dhala namaa hundumaa bakka bu’uudhaan abboomame. Kanaafis sababa
abboomamuu isaatiif kan isatti amanan hundaaf qajeelummaan ni lakkaa’amaaf (Luq 4:1-13,
Rom 5:18-19)
Bareedina ijaa: -------------- Ulfina mootolee lafa irraa itti agarsiise.
Hawwa (kajeellaa) foonii:--Yeroo inni beela’etti dhagicha daaboo godhi ittiin jedhe. 
Jireenyaan boonuu: ----------Yoo ilma Waaqayyoo taate kan irraa of darbadhu ittiin jedhe.
Kiristoos Addaam isa gara booddeeti (1Qor 15:45)
Addaam nama isa duraa ture Kiristoos garuu nama isa lammaffaadha. 
b. Bakka bu’ummaadhaan du’uu fi akkasumas aarsaa ta’uuf
Waaqni sababa hin duuneef foon isa du’u uffachuun isa barbaachise (Yoh 1:14)
Karaa du’a isaatiin taayitoolee (aboo) jiran diiguuf foonii fi dhiiga hirachuu isa barbaachise
(Ibr 2:15-17)
Kanaafis aarsaa Kakuu moofaa hundumaa bakka bu’uudhaan dhiifamuu cubbuu guutuu ta’e
argachiisuu akka danda’uuf aarsaa ta’uutu irra ture (Yoh 1:29, Ibr :22-28, Ibr10:1-18)
Kanaafis Yesuus Kiristoos kan du’e sababa mataa isaatiif utuu hin ta’iin sababa namootaatiif
waan ta’eef du’i isaa bakka bu’umsaan du’uu (Substitutionary death) jedhama.
c. Waaqayyoo fi Nama gidduutti giddu galeessa (angafa lubaa) ta’uudhaaf.
Inni Waaqa guutuu ta’uu isaatiin Waaqayyo fuul-dura dhaabachuu kan danda’uu fi nama
guutuu ta’uu isaatiin amantoota dadhabbii isaanii keessatti isaan gargaaruu kan danda’u
ta’eera (1Xim 2:5).
Sababa namummaa isaatiif qoramee waan beekuuf (kan qorame waan ta’eef) garaa nuuf
laafuu ni danda’a (Ibr 2:18, Ibr 4:15-16).
Hojiilee Fayyisaa fi Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos namummaa isaatiin hojjetu
1. Foon (nama ) ta’uu isaa ( Incarnation)
Waaqayyo kan ta’e Sagaleen foon ta’uu (Yoh 1:14)
Waaqni foon uffatee mul’ate (1Xim 3:16, 1Yoh 4:2)
Akka bifaa fi fakkeenya namaatti mul’ate (Fil 2:6-8)
Waaqni hin mul'anne qaama argamu uffatee namoota gidduu buufate (Yoh1:14, Mat 1:23)
Cubbuu irraa kan hafe akkuma keenya nama ta’e (Ibr 4:15)
2. Bakka bu’ummaadhaan abboomamuu (Representative Obedience)
Seera hundumaa eegee jiraate (Mat 5:17)
Fedha abbaa isaa qofa raawwachuu (gochuudhaan) jiraate (Yoh 4:34, 5:30, 6:38, 17:5)
Seera kan kennee fi abboomaa kan ture ofii isaatii abboomamuu bare (Ibr 5:8)
Kana hundumaas kan godheef abboomamuuf waan ta’eef, abboomamuu tokkicha Yesuus
Kiristoosiin kan isatti amanan hundaaf akka waan abboomamaniitti akka lakkaa’amanii fi
qajeeltota akka ta'aniif (Rom 5:15-21).
3. Abaarsa ta’e
Namoonni hundinuu seera eeguu dadhabuu isaaniitiif abaarsa jala jiru (Gal 3:10, Kes 27:26)
Mukatti kan fannifame hundinuu kan abaarameedha jedhamee waan barreeffameef bakka
keenya abaarsa ta’e (Kes 21:23, Gal 3:13)
Kanaaf abaarsa isaanii akka irraa fudhate kan amanan hundi seericha eeguu dhiisuu
isaaniitiin abaarsi itti dhufu ture raawwatee guutummaatti hafeeraaf (Gat 3:13)
Seericha eegee nan qullaa’a kan jedhu hundi garuu amma iyyuu abaarsa seerichaa jala jira
(Gal 3:10, 1:6-9)
4. Bakka bu’ummaan du’uu (substitutionary death)
Abbaan isaa cubbuu biyya lafaa hundumaa isa baachise (Isa 53:6)
Kanaafuu Abbaan isaa Yesuusiin cubbuu keenya isa godhe (2Qor 5:21)
Miindaan yookiin gatiin cubbuu du’a waan ta’eef bakka keenya bu’ee gatii cubbuu keenyaa
du’aan adabame (1Phex 2:24, 1Qor 15:3)
Sababa du’a isaatiin kan isatti amanan hundi; sababa cubbuu isaaniitiif du’aan akka
adabamanii fi sana booda firdii jalaa walaba akka ta’an mirkaneeffameera (2Qor 5:14,15,
Rom 4:23-25)
5. Warra Du’an keessaa ka’uudhaan qajeelummaa keenya mirkaneesse
Yakka cubbamootaa baachuudhaaf inni raawwatee qulqulluu, seera hundumaa kan eege,
raawwatee cubbuu kan hin hojjenne ta’uu qaba (Kes 12:5, Lew 4:3, Ibr 7:26)
Seera hundumaa kan eege, cubbuus kan hin qabne yoo ta’e jireenyatti jiraachuun ni ta’aaf
(Lew 18:5, His 20:10, Rom 10:5, Gal 3:12)
Cubbuu keenyaaf yoo du’e iyyuu adabbii cubbuu keenyaa guutummaatti fudhachuu isaa fi
nuyiin immoo qajeelota bara baraa ta’uu keenya mirkaneessuudhaaf warra du’an keessaa
ka’e (Rom 4:24-25)
Isatti kan amanu hundi cubbuu isaaniitiin hin jiran, kanaafis firdii bara baraa jalaa walaba
ta’aniiru (1Qor 15:17)
6. Gara samii (Waaqaa)tti ulfinaan ol bahee
Biyya lafaa irratti hojii itti kenname hunda raawwachuun Abbaa isaa kabaje (Yoh 17:4)
Aarsaa bara baraaf ta’u al-tokko (yeroo tokko) dhiheessuun xumure (Ibr 10:12)
Biyyi lafaa yoo fudhachuu dhaabaates waaqa irratti fudhatamuun isaaf ni ta’a (HoE 3:21)
Salphina guddaadhaan akka jiraate waaqa irratti ulfina guddaadhaan fudhatame (1Xim 3:16,
Fil 2:9-11, Ibr 2:9)
Diinota isaa hundumaa hamma guyyaa bituutti “ mirga” Abbaa isaa taa’e
“Mirga jechuun ” Humna ibsa (Ibr 2:5-9, 1Qor 15:25, Far 110:1)
7. Angafa lubootaa ta’uudhaan amantoota hunda tajaajiluuf
Waaqayyo mamii malee kakaadhaan angafa lubootaa godhee isa muude (Ibr 7:20-22)
Godoo ishee waaqa irra jirtu keessatti waa’ee keenyaaf isa duraa ta’ee galeera (Ibr 6:17-20)
Waaqayyoo fi namoota gidduu dhaabachuudhaan iddoo isaanii bu’ee ni ilaalamaaf (Ibr 9:24)
Inni Waaqayyoo fi amantoota gidduutti golgaa guutuu, qulqullaa’aa fi mudaa hin qabne
ta’uudhaan ni tajaajila (Iba 10:19-20)
Kanaafis karaa isaa gara Waaqayyootti kan dhiyaatan hundi; qajeelotaa fi mudaa kan hin
qabne ta’anii karaa Kiristoos akka dhiyaatan karoora (maree) bara baraa kan ture hojiitti
hiikamuu danda’eera (Efe 1:4, Ibr 7:25)
Sababa kanaatiif amantoonni yeroo isaan barbaachise hundumaatti sodaa tokko malee ija
jabummaa guutuudhaan gara mirga Waaqayyootti dhiyaachuu ni danda’u (Efe 2:18, Ibr
10:19-20)
Inni yeroo hundumaa godoo qulqullaa’aa isa waaqa irraa keessatti tajaajilaa keenyadha (Ibr
8:1-2, 9:11-14)
8. Lammaffaa gara biyya lafaatti ulfinaa deebi’uu isaa
Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos ulfina guddaadhaa wajjin lammaffaa qaamaan gara biyya
lafaa kanaatti ni deebi’a (HoE 1:11, Zak 14:5, Mar 14:62, Mul 1:7)
Jalqabatti Waldaa Kiristiyaanaa fi isatti amananii warra boqotan (obbaafatan) qulqulloota
hundumaa gara samiitti (waaqaatti) ol isaan buta (1Tas 4:13-18)
Guutummaa biyya lafaa irratti waggaa torbaaf qorumsi sodaachisaan ni dhufa (Mul 4:19, His
38, 39, Zak 14)
Duraan dursanii qulqulloota butamanii wajjin biyya lafaa irra ni dhufa (Qol 3:4, Zak 14:5,
Mul 19:14)
Wangeelaaf warra hin abboomamiin hunduma isaanii ijaa ba’a (2Tas 1:6-11)
9. Guutummaa biyya lafaa irratti ni mo’a
Bitaa biyya lafaa kanaa kan ta’e Diyaabiloosii fi hafuurota hamoota lafarraa haxaa’ee ni
balleessa (Mul 20:1-3)
Mootummoonni biyya lafaa hundi bittaa isaa jalatti ni kufu (Mul 11:15-18, Dan 2:36-45)
Lafa irratti waggaa kumaaf yeroo inni mo’utti amantoonni isa wajjin ni mo’u (2Xim 2:11,
Mul 20:6, 22:5)
Yeroo bulchiinsa isaa waggaa kumaa kana keessatti biyya lafaa hundumaa irratti
Nagaa guutuutu ta’a
Qajeelummaa guututu ta’a
Eebba guutuutu ta’a.
10. Warra du’oo hundumaa irratti ni murteessa
Mootummaa isaa kan waggaa kumaa booda teessoo adii irra ni taa’a (Mul 20:11)
Du’aa ka’uu isa duraatti warri hin ka’iin (warri du’an) firdii fudhachuuf teessoo isaa dura ni
dhaabatu (Mul 20:12)
Maqaan isaanii Macaafa jireenyaa irratti barreeffamee waan hin argaminiif gara kuufama
ibiddaatti isaan darbata.
Firdii kanas namummaa isaa guutuudhaan raawwata (Yoh 5:22, 27)
11. Kiristoos waaqaa fi lafa isa haaraa keessatti
Ulfina dhaaltummaa Waldaa kiristiyaanaa ni mul’isa (Mul 21:2)
Namoota gidduu ni buufata (bula) (Mul 21:3)
Inni ofii isaatii isaanii wajjin ni jiraata, Waaqayyo isaanis ni ta’aaf (Mul 21:3)
Amantoota dhiphina isaanii raawwatee isaan irraanfachiisa (Mul 21:4)
Waan hundumaa haaraa godha (Mul 21:5)
Achitti mana qulqullummaa fi giddu galeessa (bakka) waaqeffannaa Waldaa Kiristiyaanaa
(Yerusaalem ishee haaraa) ni ta’a (Mul 21:22)
Yerusaalem ishee haaraadhaaf ibsaa ishee ni ta’aaf (Mul 21:23, 22:5)
Hojjetoonni isaa fuula isaa ilaalaa ni sagaduuf (Mul 22:3-4)
Hojjettoonni isaa, isaa wajjin ni mo’u (Mul 22:3-5)
Ameen Gooftaa Yesuus Dafii Koottu!

No comments

Contact form

Naamusa

4/list1/Naamusa

Search This Blog

raawwataman

block1/raawwataman

Cuupha Hafuura

video/Cuupha Hafuura

Kiristaanaa

block2/Kiristaanaa

About Us

Barumsaa macaafaqulqulluu barsiisu

Trending