Nature

4/sidebar/recent

Breaking News

Eenyummaa Kiristoos

                                 Maqootaa fi Muudama (Maa’iragoota) (titles) Yesuus Kiristoos





Yesuus: - Jecha Girikii yeroo ta’u, hiikni isaas fayyisaa jechuu dha. Afaan Ibrayisxiitiin
Yeshuwah”hiikni isaas Yaahiwween fayyisaa dha yookiin Waaqayyo fayyisaadha jechuudha.
Kiristoos: - Kan dibame, Kan filame jechuudha. Kunis kaayyoo fi hojii isaa hundumaa
galmaan ga’uuf aboo (aangoo) qabaachuu isaa maqaa ibsu dha. Kiristoos maqummaa isaa irra
maa’iraga (muudama) fi aboo isaa kan agarsiisu dha (Mat 16:16, HoE 2:36)
Amaanu’eel:- Waaqayyo fooniin mul’achuu isaa fi uummaticha keessa jiraachaa akka ture kan
agarsiisu dha (Isa 7:14, Mat 1:23).
Ilma Waaqayyoo: - Ilma amala Waaqayyoo kan bara baraa, jechuunis Waaqa guutuu ta’uu isaa
kan agarsiisu dha (Mat 16:16, Yoh 1:23)
Ilma namaa:-Fooniin mul’achuu isaa, foonii fi dhiiga nu waliin kan hiratee fi nama guutuu
ta’uu isaa moggaasa agarsiisu dha (Mar 10:45, Mat 26:64)
Gooftaa: - Jecha Girikii kan “Kuuriyoos” hiikni isaas,” kan jiruu fi kan ture” jechuu dha.
Kunis maqaa “Yaahiwwee” yeroo ta’u, Macaafa Qulqulluu Afaan Girikii keessatti uumaa fi
uumama isaa mara kan nyaachisu maqaa Waaqaa ti (Yoh 13:13, HoE 2:36)
Barsiisaa: - Saba isaa Israa’elii fi akkasumas ormoota hundumaa akka barsisiisuuf kan
Waaqayyo biraa ergame; barsiisaa ta’uu isaa kan agarsiisudha (Yoh 3:2, Luq 229-32, Yoh 13:13)
Mootii: - Teessoo Daawwit irra kan taa’u, mana Yaaqoob hundumaa irratti, Yerusaalem
Magaalaa mooticha isa guddaa irratti mo’uuf aboo qabaachuu isaa maqaa agarsiisu dha.
(Mootummaa waggaa kumaa qayyabadhu) (Mat 2:1-11, 27:37)
Ilma Daawwit: - Waaqayyo Daawwitiif teessoo isaa irra bara baraan ilma taa’u akka kaasuuf
abdii kenneeraaf; kanaaf Yihuudonni hunduu abdii kan godhatanii fi mootii isaaniis ta’uu isaa
maqaa ibsu dha (Far 89:28-39, Mat 1:1, Mar 10:48)
Maqoota kanneen biraa
Bakkalcha barii-------------------------- Lak 24:17, Mul 22:16
Raajii isa guddaa-------------------------Kes 18:18, Mat 21:11
Dhagaa mataa golee---------------------Efe 2:20
Kattaa--------------------------------------Mat 16:16-18, 1Qor 10:4
Sagalee------------------------------------Yoh 1:1,14, 1Yoh 1:1, Mul 19:13
2. Eenyummaa Kiristoos (The Person of Christ)
Yesuus Kiristoos Eenyudhaa?
“Yesuus Kiristoos Waaqa guutuu, Nama guutuu qaama tokko keessatti, ammas, akkuma kana
gara fuula duraattis bara baraan akkuma kanatti ni jiraata”.
2.1. Waaqa Guutuu Ta’uu Yesuu Kiristoos
Barumsi waa’ee waaqummaan isaa foon wajjin qaama tokko keessa buluu isaa, foon uffachuu
(incarnation) jedhama. Inkarneeshin jechuun dhoksaa hojii waaqaa kan ta’e “Waaqni foon
uffachuun qaama tokko ta’uu” isaa kan ibsu dha. Kanaafis Kiristoos nama guutuu qofa utuu
hin ta’iin akkasumas Waaqa guutuu dha.
Ragoolee
2.1.1. Maqoota Inni Ittiin Waamame Kanneen Tuqaman
A. Waaqayyo (Theos) (Yoh 1:1-3)
Jechi kun guutummaatti eenyummaa Waaqa ta’e qofaaf kan itti gargaaramnu yeroo ta’u
kutaalee Macaafa Qulqulluu kanatti aananii tuqaman keessatti “Tewos” kan isaan eeramaniif
(caqasamaniif) eenyummaa Waaqummaa Yesuus Kiristoos ibsuufi dha (Yoh 1:1, 20:28, Rom
9:5, Tit 2:13, Ibr 1:8, 2Phex1:1)
Kutaaleen Macaafa Kakuu Moofaas Yesuus Kiristoos Waaqa ta’uu isaa sirriitti ibsaniiru
(Isa 9:6, Far 110:1, 45:6, 102:2)
B. Gooftaa (Kyrios)
Bara Kiristoositti jechi kun Macaafa Qulqulluu ogeessota torbaatamaan Afaan Girikii
keessatti kan itti fayyadaman maqaa Waaqaa kan Ibraayisxiidhaan “Yaahiwwee yookiin
Jehoovaah” jedhuufidha.
Kiriyoos Macaafa Kakuu Moofaa Afaan Girikii keessatti “Waaqayyo Gooftaa” moggaasa
jedhu bakka bu’uun yeroo (si’a) 6814) barreeffameera. Akkasuma Kiriyoos maqaa Gooftaa
Yesuus ittiin waamamu dha. Sababa kanaatiifis dubbisaan Girikii tokko “Gooftaa” Yesuus
jecha jedhu kan inni hubatu “Uumaa waan hundumaa, uumama isaa kan nyaachisuu fi
kan isaan bulchu” jedheeti (Luq 2:11, Mat 3:3, Isa 40:3, Mat 22:44, 1Qor 8:6, 12:3)
C. Jechootaa fi Moggaasolee Yesuus Ofii Isaatii Itti Fayyadame
Abrahaam utuu hin dhalatiin “Ani jira” “I am(Yoh 8:58)
Barsiisonni Yihuudotaa ‘Ana’ kan jedhu kan isaan wal qabsiisan Ba’u 3:14 irratti maqaa
caqasame “I AM WHO I AM” kan jedhuu wajjin waan ta’eef dhahuudhaaf dhagaa kaasan
(Yoh 8:59)
Ani Aalfaa oomeegaa( dha (Mul 22:13)
Jalqabaa fi dhuma moggaasi jedhu eenyummaa waaqummaa kan ibsu yeroo ta’u Kakuu
Moofaa keessatti kan tuqame Waaqayyoofi dha.
Ilma Waaqayyoo
Ilma amala Waaqayyoo kan ta’ee fi ofii isaa Waaqayyo kan ta’e jechuu dha (Mat 11:25-30,
17:5, 1Qor 15:28, Ibr 1:1-3, 5, 8. Abbaan kan hojjetu hundumaa ilmis ni hojjeta (Yoh
5:20-22, 25, 16:15)
D. Yesuus/Amaanu’eel
Ibraayisxiidhaan “Yehoshuah” kun maqaa Waaqayyoo yeroo ta’u; Yehooshuah jechuun
Waaqayyo fayyisaa (daawaa)dha jechuudha.Akkaasumas Amanu-el, El-Waaqa jechuudha.
kanaafuu “Waaqayyo nu wajjin” akka jechuu waan ta’eef inni “ Waaqayyo Waaqa”dha
2.2. Amaloota Waaqummaa Yesuus (Divine Essences)
Amaloota waaqummaa jechuun, amaloota Waaqni qofti qabaachuu danda’u uumamni kam iyyuu
qabaachuu kan hin dandeenye amalootaa fi eenyummeessaa Waaqaa kan calaqqisiisani dha.
I. Hundumaa gochuu ni danda’a (omnipotent)
Dhahaa bishaanii sagalee isaatiin abbooma (Mat 8:26-27)
Buddeenaa fi qurxummii baay’iseera (Mat 14:19)
Bishaan gara daadhii Wayiniitti jijjiireera (Yoh 2:1-11)
II. Kan bara baraan jiraatu dha (ethernity) (Yoh 8:58, Mul 22:13)
III. Hundumaa beeka (Omniscience)
Yaada nomootaa (Mar 2:8), Kan dabarsee isa kennu (Yoh 6:64, Yoh 2:25, 16:30)
IV. Yeroo tokkotti bakka hundumaatti ni argama (omnipresence) (Mat 18:20, 28:20)
E. Aboo (taayitaa) hundumaa ol ta’e qaba (sovereignity)
Cubbuu dhiisuu (Mar2:5-7), Waaqayyo akkas isiniin jedha kan jedhu utuu hin ta’iin “Ani garuu
isiniinan jedha” jedha (Mat 5:22, 28, 32, 34, 39, 44)
F. Waaqeffannaa ni fudhata ture
Ergamoota irraa(Ibr 1:6 Mul 5:6-19),Namoota irraa (Yoh9:38), Jilba hundumaa irraa(Fil 2:9-11).
Walumaagalatti Yesuus Kiristoos guutummaan Waaqummaa kan ittiin mul’ateedha (Qol 1:19,
2:9)
2.3. Barbaachisummaa Waaqa Guutuu Ta’uu Yesuus Kiristoos
A. Firdii yookiin murtii warra isatti amananii baachuuf yookiin balleessuu kan danda’u
eenyummaa Waaqa guutuu ta’e qofa waan ta’eef.
B. Fayyinni Waaqayyo biraa qofa waan ta’eef (Yoh.2:10)
C. Waaqaa fi Namoota gidduutti giddu galeessa ta’uu kan danda’u Waaqa guutuu fi nama
guutuu yoo ta’e qofa waan ta’eef (1Xim. 2:5)
Kanaafuu Yesuus Kiristoos Waaqa guutuu utuu ta’uu baatee fayyinnas ta’e Kiristaanummaan
gongumaa hin jiraatu. “Ilma kan ganu hundinuu Abbaa hin qabu” (1Yoh.2:23)
Barsiisa Kiristoositti kan hin jiraanne Waaqa hin qabu (1Yoh.2:23)
Akka barsiisa Kiristoositti kan hin jiraanne Waaqa hin qabu (2Yoh:9)

No comments

Contact form

Naamusa

4/list1/Naamusa

Search This Blog

raawwataman

block1/raawwataman

Cuupha Hafuura

video/Cuupha Hafuura

Kiristaanaa

block2/Kiristaanaa

About Us

Barumsaa macaafaqulqulluu barsiisu

Trending