Naamusa Kiristaanaa
Naamusa Kiristaanaa
Macaafni qulqulluu akka dubbatutti (Mat 5:13-16) “Isin sooggidda biyya lafaa ti, soogiddi
garuu miyaa yoo of keessaa dhabe maaliin deebi’ee miyeeffamaree? … Isin ifa biyya lafaati,
mandarri tulluu gubbaatti ijaarama dhokachuu hin danda’u.” kana malees (1Xim3:15) “Tarii yoo
ani tures, namni warra mana Waaqayyoo keessatti amala attamii qabaachuun akka isaaf ta’u,
akka beektuuf kun si gargaara; manni kunis waldaa Waaqayyoo jiraataa, isa utubaa fi demdemoo
dhugaa ta’e dha.”
Hawaasni haaraan sirriitti kan yaadu, dhugaaf kan dhaabatu, nageenyaaf kan jabaatu uummata
Waaqayyo qabaachuuf sabni Waaqayyoo isaa wajjin nageenya qabaachuun waan hundumaa
dursa. Barsiis kakuu Haaraas isa kana akka kakuu Haaraan barsiisutti amanaan tokko amala
gaarii fi naamusa sirrii akka qabaatuuf ayyaana Waaqayyootu barbaachisa. Karaa biraatiin amala
gaarii kiristaanaa tokkoof ayyaanni Waaqayyoo adda adda bahuu hin danda’an.
Naamusa
kan jedhu qo’annoo falaasamaa keessaa tokko
Mootummaa Waaqayyoo keessattis bakka guddaa kan qabu yoo ta’u, naamusa sirrii ykn sirrii
miti kan jedhu adda baasuun kaa’ama as keessatti .
Barbaachisummaan isaa as gubbaatti raakkoolee gama naamusaan amantoota giddutti mul’atu
furuuf.
1. Naamusni maal?
*Naamusa kan jedhu qo’annoo falaasamaa keessaa tokko
* Mootummaa Waaqayyoo keessattis bakka guddaa kan qabu yoo ta’u, naamusa sirrii ykn sirrii
miti kan jedhu adda baasuun kaa’ama as keessatti .
* Barbaachisummaan isaa as gubbaatti raakkoolee gama naamusaan amantoota giddutti mul’atu
furuuf.
Fakkeenyaaf: 1. Ulfabaasuu – cubbuu dha
2. Ulfabaasuu dhiisuu – qulqullummaa dha
3. Akka carraa ta’ee yeroo kanatti eenyutu miidhamuu danda’a kan jedhuuf
naamusni kiristaanaa kan qoramee ilaalamu.
Yeroo waa’ee naamumsaa ykn amala gaarii qo’annutti wantoota afur ilaalcha keessa galchuu
qabna. Isaanis:
1. Inni jalqabaa gochaa yoo ta’u,
* Kunis dogongora, waan sirrii ykn haalota daangessuu waan danda’u ta’uu danda’a.
2. Inni lammaffaa ammoo bu’aa yoo ta’u.
* Kunis gochaan tokko waan fidu waan gaarii ykn badaa ta’uu danda’a .
3. Inni sadaffaa amala kan daangessu dha.
4. Inni dhumaa miira keessaa yoo ta’u,
* Waan tokko raawwachuuf kan nu kakaase keessa keenyatti maal uumera?
* Keessa keenya kan guute waan gaarii moo hamaa dha?
* Yeroo baay’ee wanti dhokataan kan nu miidhuufi Waaqayyoo irraa kan nu fageessu
ta’uu danda’a.
2. Adeemsota Naamusaa
Naamusaa ilaalchisee ilaalcha adda addaa fi barsiisa garaa garaatu jira.
Yaadoleen dhimma kana irratti ka’an, walfalmiin jiru illee ‘naamusa’ keessaa baasanii
yaada isaanii waan irra dhaaban hin qaban.
Karaa biraatiin yoo ibsamu namuusa irratti barsiis fi wal falmiin jiraate illee naamusaan
geggeeffama.
Walfalmiin geggeeffamu illee naamusa mataa isaa qaba
1. Humna guddaa kan qabaate sirrii dha
-Yaada kana kan geggeessan gareen waan tokko murteessuuf aboo haa qabaatan malee,
rakkoolee biroof dhimma hin qaban .
-Yookiin ammoo isaa qofti kan fudhatanii itti walii galan qofa raawwatu .
-Yaadni akkasii ammoo firdii madaachi isaa eeggate hin ta’u .
2. Yuutiiliiteriiyaaniizim:
-Gammachuu ol aanaan uummata lakkoofsa guddaa qabuuf garee jedhanii dha .
-Lakkoofsa baay’een kan hammatame barbaachisummaa isaa malee sirrii ta’uun isaa
baay’ee bakka hin qabu.
-Naamusni tokko sirrii dha ykn miti jechuuf waan nu gammachiisee fi gaddisiise wal bira
qabuun. Yoo kan nugammachiisetu caala ta’e inni naamusa gaarii dha.
-Naamusa kan jedhamu namoonni baay’een yeroo dhaabbataaf waan gaarii fiduu yoo
danda’e dha.
-Baay’een of keessatti haa hammatu malee sirrii ta’uu isaaf wabii wanti ta’u hin jiru jedhu .
Yaadni garee kanaa warra kaan waan of keessatti hin hammaneef ofii isaa iyyuu rakkoo qaba.
3. IIGOOYIZIM
oOfii koo kan jedhu dha.
oTokko tokkoon namaa waan gaarii fakkaate yoo hojjete naamusa sirrii dha.
oBaay’een yaada kana adeemsisan jiru.
Kunis karaa fi bifa baay’een mul’ata .
3.1. Sammuun kan walqabate
oOfii keenyaaf yaaduu alatti filannoo biroo hinqabnu.
oXiyyeeffannoon faayidaa ani ofii koof yaaduun kan walqabate ta’uu qaba.
oAnaaf bu’aa guddaa fiduu kan hin dandeenye kaka’umsa koo gad buusa .
3.2. Tajaajilu, fayyaduu kanaan qabu ofii kooti
oWaa’ee warra kaanii maaltu nagalche.
oAkkamis yoo ta’e maaltu na dirqisiise.
oKaraa kamiyyuu of jaallachuun kan cufame, eenyuun illee hirmaachisuu kan hin
barbaanne.
3.3. Kamis haa ta’u maalis namni biro kan hojjetu faayidaa koo eegsisuu kan danda’u ta’uu qaba
oNamni hundinuu ana tajaajiluu qabu .
3.4. Hanga fedhe illee mirga namoota biro yoo xuqe illee, fedhii isaanii waliiniis kan hin deemne
yoo ta’e illee, fedhii koo fi faayidaa akka eegeetti sirrii dha.
Rakkoolee Namoota faayidaa Dhuunfaa koof jedhanii
a. Naamusa dhabeessa jajjabeessa.
b. Nama tokko qofaaf wanti sirrii ta’e uummata keessatti fudhatamaa dha jechuu miti.
Fakkeenyaaf: Walquunnamtii saala walfakkaatu gidduutti ta’u. Kun mirga koo kan jedhus
dabalateetis.
c. Xiyyeeffannoon keenya dhimma dhuunfaa irra qofa yoo ta’e fedhii, filannoo fi mirga
namootaa hineegnu. Madaallii gochuuf qoramna.
4. Dhala Namaa Akka Madaalii Naamusa Gaariitti
oAkkaataa warra kanaatti dhalli namaa uumamaan waan hamaa fi gaarii kan ittiin adda
baasu qabu.
oKennaa uumamaa kana fayyadamee naamusa gaarii fi badaa adda baasee murteessuu
danda’a.
oNamoonni addaa, falaasamaa fi haala jireenya garaa garaa keessa waan darbaniif isa
kanatu gaarii jedhanii murteessuu rakkatu jedhu.
oAkkaataa macaafa qualqulluutti dhalli namaa sababaa cubbuun kufeef aboo murteessuu
sirritti hin qabu jechuunis mormii dhi’eessu.
5. Naamusa Kan Jennu Gammachuu Uumuu kan danda’u dha
oIsa kanaan kan geggeeffaman ammoo naamusa gaarii dha kan jedhan yoo namootaaf
gammachuu fiduu danda’e dha jedhu.
oGammachuu jedhamaa kan jiru dhugumaan gammachuu dhugaa dhaa? Gammachuu
hundumtuu barbaachisaa fi sirrii dhaa? Rakkooleen hundinuu barbaachisoo fi sirrii dhaa?
Kanneen deebii kan hin arganne dha.
6. Naamusa Wal biri qabii
oWarri kun ammoo biyya lafaa hundumaatti hojjechuu kan danda’u dha jedhanii hin
amanan .
oNaamusni akkaataa aadaa fi filannoo namootaatti garaa garummaa qaba jedhu .
oNaaamusa sirrii kan jedhamu hin jiru.
oInni kun yeroo ammaa warra hin amanne biratti fudhatama argateera.
3. Yaadolee Hubatamuu Qaban
1. Naamusa Deeyontoolojii kaalii
oGocha irratti kan xiyyeeffatu dha.
oGocha tokko sirrii kan taasisu maal?
oNaamusnii Deeyontoolojikaalii xiyyeeffannoon isaa gochaa irratti waan ta’eef bu’aa inni
fidu maalis haa ta’u, adeemsa raawwachuu irratti rakkoon hanga hin uumamnetti sirrii
dha.
oKaraa biroon ammoo fedhii nama dhuunfaa tokkoof hin ta’in malee, kaka’umsa gaariin
waan tokko yoo raawwate, waan sirrii dha.
oYaadni kun “Eessatti iyyuu daaki, daakuu fidi” kan jedhu falaasama of keessaa qaba
oTasumaa wanti akkasii ammoo fudhatama hin qabu.
2. Tiliiyooloojiikaal
oYeroo hundaa xiyyeeffannoon isaanii bu’aa irratti .
oAkkaataa warra kanaatti ammoo adeemsaas ta’e gochi tokko sirrii dha kan jechisiisu
bu’aa isaati jedhu .
oAdeemsi isaa, haalli itti hojjetame waan fedhe haa ta’u, garuu dhuma irratti firii isaan
barbaadan argamuu qofatu naamusa gaarii jechisiisa warra ilaalcha kana hordofan.
3. Haalaan Naamusa kan murteessan (situational)
oHaala uumamaa fi wantoota yeroon murteessu malee akka seera tokko tti hin fudhatan,
naamusa .
oHeeraa fi seera naamusaa hunda balleessuu osoo hintaane isaan kana irratti hundaa’anii
kan hojjetan miti.
oWanti tokko sirrii fi sirrii ta’uu dhiisuu kan murteessan haala yeroo ture irratti hundaa’un.
Fakkeenyaaf: Mucaan durbaa heeruma geessa tokko osoo wal hin fuudhi kaadhimaa ishee
waliin wal quunnamtii saalaa yoo goote akka ejjaati hin lakkaa’amu ;akka ilaalcha kanaatti
sababni isaas haalli yeroo isaan ilaalanni irratti xiyyeeffatan jaalala.
No comments