Nature

4/sidebar/recent

Breaking News

Wantoota amanaa tokkoof akkumma inni Gooftaa Yeesuusiin akka fayyisaa dhuunfaa isaatti fudhatetti,Waaqayyo biratti isaaf raawwataman

 




1. Akeeka Waaqayyoo isa bara baraa keessa galeera
    1.1. Duraan dursee beekameera (Rom 8:29, 1Phe 1:2)
    1.2. Waaqayyo yaadaan isa qabeera (Rom 8:29-30, Efe 1:5-11)
    1.3. Duraan dursee fo’atameera (Rom 8:33, 1 Tas1:4, Tit 1:1, 1Phe 1:2)
    1.4. Waaqayyoon fo’atameera (Rom 8:30, 1 Qor 1:9, 1 Tas 5:24)
2. Waaqayyotti araarameera.(The Reconciled)
    2.1. Hojii araarsuu waaqayyootiin (2Qor 5:18-19, Qol 1:20)
    2.2. Waaqayyotti (Rom 5:10, 2Qor 5:20, Efe 2:14-17)
3. Furii argateera kanaafis kan gooftaa ta’eera. ( The redeemed)
(   Rom 3:24, Qol 1:14, 1phe 1:18)
   ⇒ Furii jechuun “bakka bu’aa, kaffaltii, oolchuuf dab arsanii of laachuu” jechuudha.
      Kanaafis amanaan furii(Kiristoosiin) bakka isaa adaba cubbuusaatii fudhate argateera.
     Gooftaa yesuus immoo firdiin amanaatti faradamu haa hafuuf ofii isaa dabarsee kenne
     ykn furii ta’eeraaf (1Xim 2:5-6)
4. Firdiin itti faradamu tokko illee hin jiru.
  (Rom 8:1, Yoh 3:18, 5:24, Gal 3:13)
      ⇒ Abaarsa seerichi namatti fidu jalaa ba’eera. Duutis isa hin argatu
5. Cubbuun isaa hundi gara Yesuusitti darbeeraaf
(Isa 53:6, Rom 4:25, 2Qor 5:21, Gal 3:13, 1Phe 2:24)
   ⇒ Gooftaan Yesuus raawwatee qulqulluu fi cubbuun kan isa hin beekne dha. Garuu firdiin
     du’aa kan isa irra ga’e cubbuu biyya lafaa hunda(cu bbuu nama hundumaa) baachuuf
    fedha isaa waan tureef. Sababa kanaafis duuti Yesuus du’e “Du’a bakka bu’umsaa”/ “
   substitutionary death” jedhama.
6. Cubbuun isaa dandeettii waaqayyootiin dhiifameeraaf /propitiation of sin
    ⇒ Kunis waaqayyo, ilmi isaa hojii fayyisuu inni fannoo irratti hojjete waan isa
       gammachiiseef, warra ilma isaatti amananiif dhiifamuu cubbuu kenneeraaf
    (Rom 3:25-26, 1Yoh 2:2, 4:10)
7. Jireenya (namummaa) isaa isa moofaaf du’ee; waaqayyoof garuu jiraataa ta’eera.
     7.1. Kiristoosii wajjin fannifameera (Rom 6:6, Gal 2:20)
     7.2. Kiristoosii wajjin du’eera (Rom 6:8, Qol 3:3, 1Phe 2:24)
     7.3. Kiristoosii wajjin awwaalameera (Rom 6:4, Qol 2:12)
     7.4. Kiristoosii wajjin du’aa ka’eera (Rom 6:4,7:4, Qol 2:12, 3:1)
      7.5. Kiristoosii wajjin mirga abbaa taa’eera (Efe 2:7)
8. Itti gaafatamummaa fi firdii seera Musee irraa birmaduu ba’eera
    ⇒ Kunis kan ta’e hojii iccitii Waaqayyo hojjeteen “du ’a foonii Kiristoos du’een amanaanis
        isaa wajjin akka inni du’u gochuu yoo ta’u; kana ir raa kan ka’es nama du’e tokko irratti
        seerri raawwatamummaa akkuma hin qabne amanaan tokkos itti gaafatamummaa fi firdii
        seera Musee irraa birmaduu ba’eera.
        8.1. Seera jalaa du’eera (Rom 7:1- 6)
        8.2. Seerri isa hin bitu (Rom 7:6, 6:14, 2Qor3:6-11, Gal 3:25)
        8.3. Seeraan osoo hin ta’in hafuuraan geggeeffama (Rom 8:1-4, 8:14-17)
9. Waaqayyoottii lammaaffaa dhalateera (Yoh 3:1-8, Yoh 1:12, Tit 3:5)
       9.1. Dubbii dhugaatiin (wangeelaan) dhalateera (Yaq 1:18, 1Phe 1:23)
       9.2. Ijoollee (a child of God) ta’eera (Rom 8:16, Gal 3:26)
       9.3. Ijoollee (sons & daughters of God) ta’eera (Yoh 1:12, 2Qor 6:18, 1Yoh 3:2)
       9.4. Uumama haaraa ta’eera (2Qor 5:17, Gal6:15, Efe 2:10)
10. Gara fuula duraatti furii namummaa isaa isa foonii ni argata (Rom 1:3, 8:23)
     ⇒ Yeroo sanatti akka ergamoota Waaqayyoo ta’a malee hojii/amala fooniitiin hin mul’atu
11. Waaqayyo duratti fudhatama guutuu argateera
       11.1. Qajeelaa ta’eera (Rom 3:22, 1Qor 1:30, 2Qor 5:21, Filp 3:9)
       11.2. Qulqullaa’eera (Waaqayyoon duratti) (1Qor1:30, 6:11)
       11.3. Yeroo hundumaaf fiixaan ba’eera/perfected forever (Ibr 10:14)
       11.4. Qooda warra Waaqayyoof qulqullaa’anii keessaa hirmaattuu ta’eera (Qol 1:12, Efe 1:11)
12. Qajeelaa ta’eera (Rom 3:24/5:1,9/8:30,1Qor 6:11, Tit 3:7)
     ⇒ Kunis ayyaana Waaqayyoo amantiidhaan fudhachuu isaa irraa kan ta’e malee ga’umsa
            mataa isaatiin miti. Ga’umsa mataa isaatiin namni qajeelaa ta’uu tasumaa hin
            danda’uwoo.
13. Amala waaqaa keessaa hirmaattuu ta’eera (1 Phe 1:3)
      ⇒ Amalli kunis Waaqayyoottii lammaffaa dhalachuu isaa irraa kan ka’edha. Sababa sanyiin
Waaqayyoo isa keessa jiruuf Waaqayyoon fakkaachuu ykn nama Waaqayyoo ta’ee
deddeebi’uu ykn jiraachuu ni shaakala (Yoh 3:9, 2Phe 1:6, 1Xim 6:6)
14. Lammumma guutuu kan waaqa irraa argateera
      14.1. Waamicha isa waaqa irraa keessaa hirmaattuu ta’eera (Ibr 3:1)
      14.2. Maqaan isaa waaqa irratti (galmee jireenyaa) irratti caafameera (Luq 10:20)
      14.3. Miseensa warra mana Waaqayyoo ta’eera (Efe 2:14-19)
      14.4. Biyyi isaa waaqarradha (Filp 3:20, Ib11:14-16, Yoh 14:1-3)
15. Aboo dukkanaa jalaa ba’eera (Qol 1:13, 2:15)
     ⇒ Sababni isaas Yesuus jireenya, ifas isaaf waan ta’eef (Yoh 8:12)
     ⇒ Dukkanni mootummaa Seexanaa keessa kan jiru hojii isaa hunda baaka bu’a
Fakkaanyaaf:
    Hojii hamaa namootaa, shaakallii cubbuu (Yoh 3:19-21)
    Abdii malee Yesuusiin ala jiraachuu (Mat 4:12-16)
    Beekumsa malee jiraachuu (Rom 2:20)
    Jireenya Waaqayyoof ulfina hin kennine (Rom 1:20-22)
     Wangeela fudhachuu dhiisuu. (2Qor 4:4-6, Yoh 12:35-36 ) fi k.k.f
16. Gara mootummaa ifaa ilma Waaqayyootti darbeera (Qol 1:13)
      16.1. Gooftaa Yesuus jireenya isaatiif ifa ta’eeraaf (Yoh 8:12)
      16.2. Waaqayyo gooftaan abbaa ifaa ta’eeraaf (Yaq 1:16-17)
      ⇒ Kanaafuu kennaa gaarii hunda, eebba guutuus Waaqayyoo irraa argachuu ni danda’a
      16.3. Sagaleen/dubbiin Waaqayyoo ifa ta’ee isa ni geggeessa (Far 119:105)
       16.4. Ifa biyya lafaa ta’eera (Efe 5:8, Mat 5:14)
17. Hundee jabaa irratti ijaarameera (1Qor 3:11, 10:4, Efe 2:20)
18. Waaqayyo biraa Yesuus kiristoosiif kennaa ta’ee kennameera (Yoh 10:29, 17:2, 6, 9, 11, 12,24)
19. Humna cubbuuttii birmaduu ba’eera (Rom 8:2, Filp 3:3, Qol 2:11)
    ⇒ Dhagna qabaan fakkeenya humna cubbuuttii birmaduu ba’uu yoo ta’u cuuphaa
          bishaaniitiin ni ibsama.
20. Luba waaqayyoo ta’eera
    20.1. Lubummaan isaas dhiiga Kiristoosiin kan ta’edha (Mul 1:6, 5: 9)
    20.2. Luba qulqullummaa ta’eera (1Phe 2:5)
  ⇒ Kanaaf waaqeffachuu, kadhachuu ykn aarsaa hafuuraa dhiyeessuu ni danda’a
   20.3. Luba mana mootummaa ta’eera (1Phe 2:9)
  ⇒ Namootaaf dhugaa ba’uu ni danda’a.
21. Wabiin jireenya bara baraa (eternal security) kennameeraaf
(Yoh 10:28-29, Rom 8:32, 5:8-11, Rom 8:38-39, Gal 3:26-29)
 ⇒ Kan isa irraa eegamu amantii kana irratti jabaatee dhaabachuu qofadha (Qol 1:21-23, 2Xim2:11)
22. Yeroo barbaade hundaatti gara waaqayyootti dhiyaachuun isaaf eyyamameera.
(Rom 5:2, Efe2:18, Ib 4:16, 10:19-20)
23. Ayyaannii fi gaarummaan Waaqayyoo inni irraa hafaa ta’e kan ittiin mul’atudha.
     23.1.Jaalalli Waaqayyoo kan ittiin mul’atudha (Yoh 13:1, Efe 2:4, 5:2)
     23.2.Ayyaanni Waaqayyoo kan ittiin mul’atudha
     23.2.1. Ayyaana isaatiin fayyeera (Efe 2:8-9)
     23.2.2. Ayyaana isaatiin jabaatee ni dhaabata ni eegama (Rom 5:2, 1Phe 2:9)
     23.2.3. Ayyaanasaatiin ni tajaajila (Efe 4:7, 1Qor 12:4-11, 1phe 4:10-11)
     23.2.4. Ayyaanasaatiin qulqullummaatti jiraachuu ni shaakala (Tit 2:11-15)
     23.3.Humni Waaqayyoo kan ittiin mul’atudha (Efe 1:19, 2:6-7, 2Qor10:10-11, 13:2-5, Filp 2:13)
     23.4.Amanamumman waaqayyoo kan ittiin mul’atudha (Filp 1:6)
     23.5.Nagaan Waaqayyoo kan ittiin mul’atudha (Yoh 14:27)
     23.6.Jajjabeessuun Waaqayyoo kan ittiin mul’atudha (2Tas 2:16)
     23.7.Fayyadamaa angafa lubummaa Yesuusi dha (Rom 8:34, Ib 7:25, 9:24)
     ⇒ Wantoota armaan olitti caqasaman Waaqayyo kan inni mul’isu karaa jireenya amanaa ti.
Namootni hin fayyin jiran ayyaanaa fi gaarummaa kana hunda argachuuf dursa karaa
Kiristoos Waaqayyotti araaramuutu isaan irra jira (2Qor 5:18-20, Ibr 7:25)
24. Kiristoosii wajjin dhaaltuu Waaqayyooti
25. (Rom 8:17, Efe 1:14, 18, Qol 3:24, Ibr 9:15, 1Phe 1:4)
      ⇒ Gooftaa Yesuus osoo biyyi lafaa hin uumamin dura ulfina inni qabu ture nu dhaalchisuuf
waa’ee keenyaaf gara abbaasaatti kadhannaa inni kadhate mirga dhaalaa amanaa tokkoof
amanaa tokkoof kennisiiseera (Yoh 17:24)
26. Eenyummaa Kiristoosiin jijjiirraan iddoo godhameeraf/positional truth
25.1.Jireenyi isaa waaqayyo bira Kiristoos keessa dhokfameera (Qol 3:4)
25.2.Ilma Waaqayyoo wajjin tokkummaa uumeera (1Qor 1:9)
25.3.Hojii Waaqayyoo keessatti hidhata qaba (1Qor 3:9, 2Qor 6:1)
25.4.Hojjetaa/ tajaajilaa kakuu haaraa ta’eera (2Qor 3:6)
25.5.Afaan Kiristoos ta’ee ergameera/Ambassador (2Qor 5:20)
25.6.Ergaa/caaffata jiraataa/the living epistle ta’eera (2Qor 3:3)
25.7.Hojjetaa Waaqayyooti (2Qor 6:4)
27. Jireenya bara baraa argateera
(Yoh 3:15, 10:28, 20:31, Rom 8:1, Efe 2:8, 1Yoh 5:11-12)
27. Uumama haaraa ta’eera.
Waaqayyoottii kan dhalate(Yoh 1:12) malee dhiigattii yookiis fedha fooniittii yookiis
fedha dhiiraattii hin dhalanne(Yoh 1:13).
Lammummaan isaa biyya waaqaa kan ta’e (Filp 3:20), Giriikii ta’uu kan hin dandeenye
(Qol 3:11)
Abaarsa gosa, afaan, nama, saba lafarraa jalaa kan ba’e (Mul 5:9-10)
Lafarraa biyya kan hin qabne (Ibr 13:14)
Namoota lafarra jiraataniif afaan kiristoos ta’ee kan ergame (2Qor 5:20)
Hubachiisa:-
    ⇒ Gooftaa Yesuus yeroo biyya lafaa irra turetti sabni biyya lafaa qomoo lamatti hiramu turan:
Yihudii fi ormoota. Ormoota kan jedhaman qomoo Israa’elii irraa kan hafe hunda kan
bakka bu’u yoo ta’u macaafa qulqulluu keessatti hundi isaanii maqaa Giriikii jedhamuun
hammatamaniiru.
28. Gooftaatiin ifa biyya lafaa ta’eera
     28.1. Hojii dukkanaattii hin hirmaatu qooda kanaa bakkeetti baasa malee (Ef 5:7-13)
      Loltuu, ergamoota waaqayyoo wajjin wal ta’uu dhaan, Seexanaa fi ergamoota isaa
        lolu ta’eera/ part of angelic conflict (2Xim 2:3, Efe 6:10-18)
    28.2.Hojii gaarii hundumaan ni mul’ata (Mat 5:14)
    28.3.Guyyaan Gooftaa akka hattuutti isatti hin dhufu (1Tas 5:4-5)
     Abdii eebbifamaa inni eegu dhufaatii gooftaati (Tit 2:12)
      Dhufaatii Gooftaa hamma malee ni hawwa malee waa’ee guyyaa sanaaf
        sodaan tokko illee itti hin dhaga’amu (Mul 22:20)
Guyyaan sun amanaadhaaf:
     Guyyaa gammachuuti (Yoh 16:22)
     Guyyaa itti gonfoo qajeelummaa fudhatudha (2Xim 4:8)
     Guyyaa cidhaati (Mul 19:7-8)
     Guyyaa mo’uu(mootummaa) (Mul 20:6)
29. Sagalee abdiitiin hirmaattuu hafuura qulqulluu ta’eera
        29.1.Hafuura Qulqulluuttii dhalateera (Yoh 3:5-8)
        29.2.Hafuura Qulqulluudhaan cuuphameera (HoE 1:5, 1Qor 12:13)
        29.3.Mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu ta’eera.
         (Yoh 7:39, Rom 5:5, 8:9, 1Qor3:16, 6:19, Gal 4:6, 1Yoh 3:24)
       29.4.Hafuura Qulqulluudhaan mallatteeffameera (2Qor 1:22, Efe 4:30)
       29.5.Hafuura Qulqulluudhaan dibameera (1Yoh 2:20, 27)
       29.6.Kennaan Hafuura Qulqulluu (kennaa ayyanaa) isaaf kennameera.
              (1Qor 12:11, 2:7-11, 13:1-2)
30. Waaqayyo duratti ulfina argateera/Glorified (Rom 8:30)
31. Karaa Kiristoos jireenyi isaa guutuu fi waaqayyo duratti mudaa kan hin qabne ta’eera
(Efe 1:4, Qol 2:10, Ib 10:14)
32. Eebba hafuuraa hundumaan eebbifameera (Efe 1:3)
33. Cubbuun isaa hundi dhiifameeraaf (Rom 4:6-8, Ib 10:14-18)
34. Human diinaa hundumaa irratti aboon kennameeraaf
      34.1. Mar’ataa (hamminaa fi hojii doggorsaa seexanaa) irra, torbaan qabaa(miidhaa seexanni
           qaama namaa irraan ga’u) irra ejjechuu(to’achuu, mo ’uu) ni danda’a (Luq 10:17-19)
       34.2. Maqaa Yesuusiin hafuurota hamaa nama keessaa ni baasa (Mar 16:17)
       34.3. Dhukkubsattoota irras harka ni kaa’a; isaanis fedha Gooftaatiin ni fayyifamu.
                (Mar 16:18, Yaq 5:14)
        34.4. Namootni karaa hundumaan akka isaannitti toluuf ni kadhataaf (3Yoh 2)
35. Hafuurri isaa jiraataa ta’eera
      Addaam yeroo ajaja irra darbee kaasee tokkummaa hafuuraa Waaqayyoo wajjin qaba ture
         ni dhabe; Kunis du’a hafuuraa isa jedhamudha.
      Ilmaan namootaa hundis cubbuu hojjechuu isaaniitiin Waaqayyo isa hafuura ta’ee wajjin
        tokkummaa godhachuu hin dandeenye.
        Namni Gooftaa Yesuusiin akka fayyisaa dhuunfaa isaatti yeroo fudhatu gargar cite inni
          ture tokkummaan hafuuraa, hafuurri qulqulluun amanaa kana keessa galuu isaatiin, itti fufiinsa               argata. Kun immoo hafuura jiraataa isa jedhamu dha (Yoh 5:25, Rom 8:16)
        35.1. Hafuura isaatiin hafuura qulqulluu wajjin tokkumaa gochuu ni danda’a. Hafuurri isaa
              Hafuura Qulqulluu dhaggeeffachuu ni danda’a (Rom 8:16, 1Qor 2:12)
        35.2. Hafuurri isaa jiraataa ta’uusaa irraa kan ka’e hoji in Waaqayyoo yeroo hojjetamu ni
        gammada (2Qor 7:13); waan waaqayyo jibbu yeroo argu immoo lubbuun isaa ni
       dhiphatti (HoE 17:16)
36. Bara jireenya isaa hundatti Hafuura Qulqulluudhaan guutamuun isaaf eyyemameera (Efe5:18)
37. Abbaa, Ilma isaa fi Hafuura Qulqulluu wajjin tokkummaa uummateera
     37.1.Waaqayyo abbaa wajjin (Yoh 14:23, Efe 4:6)
     37.2.Kiristoosii wajjin (Yoh 14:20, Qol 1:27)
         37.2.1. Dhagna Kiristoos, bu’aa dhagnaa (miseensa) Waldaa Kiristiyaanaa ta’eera (1Qor12:13)
         37.2.2. Damee jirmichaa (Kiristoos) ta’eera (Yoh 15:5, Rom 11:17-20)
         37.2.3.Ijaarsa mana isa hafuuraa keessatti dhagna jiraataa (miseensa) ta’eera (Efe 2:21-22, 1Phe                       2:5)
          37.2.4. Kutaa/qaama misirrottii ta’eera (Efe 5:25-27, Mul 19:6-8, 21:9)
          37.2.5.Luba mana mootummaati (1Phe 2:9, Mul 1:6, 5:9)
    37.3.Hafuura qulqulluu wajjin (Rom 8:9, Yoh 14:16, 7:37-39)
38. Du’aa ka’uu isa duraa keessaa qooda qaba (1Qor 15:40-54, Yoh 11:25, 6:39, 1Qor 15:23,
Mul 20:56) 

No comments

Contact form

Naamusa

4/list1/Naamusa

Search This Blog

raawwataman

block1/raawwataman

Cuupha Hafuura

video/Cuupha Hafuura

Kiristaanaa

block2/Kiristaanaa

About Us

Barumsaa macaafaqulqulluu barsiisu

Trending