Nature

4/sidebar/recent

Breaking News

Barsiisa Hundee Kiristiyaanummaa

                                        Barsiisa Hundee Kiristiyaanummaa




                         Barumsa fayyinaa
            Uumamaa fi Kufiinsa Ergamaa isa Kufee /Seexanaa/
Seexana: - Jecha Ibrootaa yeroo ta’u hiikni isaas “gufachiisaa”, diina gufuu kaa’u jechuu dha.
Diyaabilooos:-Jecha Girikii yeroo ta’u hiikni isaas “hadheessaa” jechuudha.
                       Maaliif Uumamee?
1. Waaqayyoon galateeffachuuf uumame (His 28:13)
2. Ulfina Waaqayyoo akka golguuf kan dibame /filame/ ture (His 28:14)
3. Bareedinni uumamaanis kan guutame ture (His 28:12)
                        Maaliif Kufee?
1. Bareedina isaa irraa kan ka’e waan kooreef /of jajuun/ (His28:17)
2. Isa hundumaa gararraa jirutti of fakkeesse /ta’uu/ barbaade (Isa 14:12)
                         Bu’aa Cubbuu Isaa
1. Hordoftoota isaa wajjin gara lafaatti gad darbatame (His 28:17)
2. Gara fuula duraatti gara boolla dukkanaa fi galaana ibiddaa keessatti ni darbatama
(Isa 14:15, Mat 25:41, 2Phex 2:4)
                          Uumamaa fi Kufaatii Namaa
Namni akka bifaa fi fakkeenya Waaqayyootti uumame (Uma 1:26)
Waaqayyo biyyoo lafaa irraa nama tolche (Uma 2:7)
Namnis lubbuu jiraataa kan qabu ta’e (Uma 2:7)
Naannoo isaa hundumaa akka bituuf uumame (Uma 1:26)
Iddoo dhaaba Eden akka eeguu fi akka tottolchuuf achi keessa isa kaa’e (Uma 2:25)
Gargaartuu isaaf taatus isaaf uume (Uma 2:18-25)
Muka jireenya kennu irraa akka hin nyaanne isa abboome (Uma 2:16)
                              Kufaatii Namaa
Seexanni /bofni/ dubartittii gowwoomse (Uma 3:1-7, 1Xim 2:14)
Abbaan manaa ishees jecha haadha manaa isaa dhaga’uu isaatiin irra daddarbe (Uma 3:6, 3:17)
                        Sababa Isaan Cubbuu Hojjetaniif
Akka Waaqayyoo ta’uu barbaaduu (Uma 3:5)
Dubbii Uumaa irra dubbii uumamaa dhaga’uu /sagalee/ dhaga’uu. (“Dubartittiin sagalee
Seexanaa dhaga’uudhaan, Inni dhiiraa immoo sagalee haadha manaa isaa dhaga’uudhaan.”
Mukichis nyaataaf kan bareede Fedha foonii
Ijattis kan nama hawwatu Ijatti Bareeduu isaa
Ogummaadhaafis gaarii akk ta’e argite Jireenyaan boonuu
Uma 3:6 fi 1Yoh 2:16 wal- bira qabuun ilaali.
Isaan sadan armaan olii kun karaalee cubbuun ittiin galaniidha. Seexanni karaalee sadan kanneen
fayyadamuun qoree nama kuffise. Gooftaan keenya Yesuus (Mat 4:1-10) Seexanaan qoramuu
isaa dubbisuun karaalee sadan armaan olitti eeraman wajjin wal bira qabdee ilaaluuf yaali.
                            Bu’aalee Cubbuun Nama Irratti Fide
1. Qullummaan / hir’inni/ waanti jibbisiisaan nama irratti dhufe (Uuma 3:7)
2. Sodaachuu yookiin dhokachuu jalqabe (Uuma 3:8-10)
3. Abaarsatu dhufe (Uuma 3:16-21)
4. Iddoo dhaaba Eden keessaa ari’ame (Uuma 3:22-24)
5. Namni walii walii isaa miidhuu jalqabe (Uuma 4:1-8)
6. Yaadni garaa namaa jal’aa ta’e (Uma 6:5)
                             Namni Hundinuu Cubbamaa ta’e.
Dhalatee hanga du’utti seera eeguudhaan jabaatee kan jiraatu eenyu illee hin jiru (Rom 3:20)
kanaaf namni hundinuu seera irra daddarbuu isaa irraa kan ka’e abaaramaa ta’e (Gal 3:10).
Namni seera hundumaa eegee garuu tokkoon ishee yoo dogoggore/cabse/ hunduma kan irra
daddarbe ta’a (Yaq 2:10). Kanaafuu namni bara umurii isaatti al tokko qofa yoo dogoggore
illee qajeelaa ta’uu hin danda’u. Sababa kanaafis warri akka tilmaama namaatti qajeelota
jedhaman fuula Waaqayyoo isa hundumaa beeku duratti cubbamoota (Rom 3:23, 5:12, Lal
7:20)
Namni fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta’uu hin danda’u (Iyo 4:17, 9:2, Rom 3:20)
Tokkollee qajeelaan hin jiru (Far 14:2, Rom 3:11)
Qajeelota warri jedhaman illee cubbuu ni hojjetu (Lal 7:20)
Qajeelinni keenyas fuula isaa duratti ga’aa miti (Isa 64:6)
Seera eeguudhaan fuula waaqayyoo duratti qajeelaa ta’uun hin danda’amu (Rom 3:20, Gal
2:16,21, Efe 2:8)
Dhala namaa gidduutti garaa garummaan qajeelummaa hin jiru (Rom 3:22)
Ayyaanni amantiidhaan qajeelaa godha /ni qajeelcha/.
Yaadachiisa: Itti dabalataan barumsa seeraa fi ayyaana jedhu ilaali.
                  Waaqayyo Nama Fayyisuuf Mala /Karaa/ Inni Qopheesse
Eenyuyyuu ofii isaa karaa kamiin illee fayyisuu waan hin dandeenyeef Waaqayyo ofii isaatii fala
ittiin nama fayyisu qopheesse.
Ilma isaa Fayyisaa akka ta’uuf erge (1Yoh 4:14)
Waaqayyo dursee utuu ilma isaa hin ergiin dura kakuu moofaa keessatti waa’ee fayyina isa
dhufuu fakkeenyaan ni agarsiisa ture.
Fakkeenya: - Addaam qullaa isaa dhoksachuuf /golgachuuf/ harka isaatiin baala hodhee of irra
buuse. Waaqayyo garuu dhoksaa /ichitii/ Addaam gogaa ofii isaatii qopheesseen dhokseef /
golgeef/. Innis fakkenya Yesuus ture (Uuma 3:2)
Dubartittii irraa kan dhalatu mataa bofichaa akka buruksu raajii dubbate (Uum 3:15)
Hoolaa aarsaa cubbuu ta’ee Ijoollee Israa’eliin fakkeenyaan barsiise.
Fakkeenya: - Kutaalee Macaafa kakuu moofaa keessatti iddoo dhibboota hedduu keessatti
fakkeenyaan fi gaaddiduudhaan ni argana. Waantonni kakuu moofaa keessatti mul’atan
gaaddidduu yeroo ta’an qaamni inni dhugaan garuu Kiristoosidha (Qol 2:16)
                       Fakkeenyaa fi Hiika Hoolaa Leewwota Boqonnaa 4 irraa
Namni tokko abboomota keessaa tokkoon ishee yoo irra darbe/cabse/ korommii/jiboota/,
hoolaa, reettii mudaa hin qabne qabatee dhiyaata. Harka isaa mataa horii fidee irra kaa’uun
cubbuu isaa Waaqayyotti himuudhaan baachisa. Horii sanas ni qala. Lubichis dhiiga isaa
fuudhee godoo qulqullaa’aa /Iddoo aarsaa/ duratti si’a toorba ni facaasa.
                        Bara Kakuu Haaraatti Hiikaa Fakkeenya Kanaa
Hoolaan mudaa hin qabne Yesuus (Yoh 1:14, Ibr 7:26)
Gooftaa Yesuus ofii isaa gatii cubbuu keenyaa dhi’eesse (Ibr 7:27, 10:12)
Cubbuu keenya hundumaa baate (1Phex 2:24, Isa 53:6,12)
Hoolaan Waaqayyoo cubbuu keenyaaf qalame /du’e/ (1Qor 5:7, Mul 5:9)
                        Aarsaan Horii inni bara Kakuu Moofaa Maaliif Hafee /Dhiifamee/?
Hamma Gooftaan Yesuus du’utti akka fakkeenyaatti kan kenname ture (Ibr 9:10)
Dhiigni re’ootaa fi hoolotaa cubbuu namoota irraa fuudhuu waan hin dandeenyeef (Ibr 10:4,
11, 9:12)
Sirnichi kan kennameef uummata addunyaa maraaf utuu hin ta’iin Israa’eloota qofaaf waan
tureef.
                       Furmaata Waaqayyo Keenya Biraa ta’e
Namni haala kamiin iyyuu hojii gaariidhaanis fuula Waaqayyoo duratti guutuu ta’uu yookiinis
qajeelaa ta’uu waan hin dandeenyeef Waaqayyo ofii isaatii biyyi lafaa utuu hin uumamiin dura
sanyii dhala namaa isa bade yookiin kufeef karaa fayyinaa isa karoorse mul’ise. Karaan kunis
ayyaana /grace/” jedhama.
Ayyaana jechuun eenyummaa hin malleef kennaa akkasumatti (tola) kennamu jechuudha. Kunis
gaarummaa namichaa ilaaluudhaan utuu hin ta’iin akkasumatti gaarummaa isa kennuu
(Waaqayyoo) irraa kan ka’e kan kennamu kennaa tolaati. Namicha irraa gaarummaan eegamu
ayyaana isaaf laatame amantiidhaan fudhachuu qofa.
                    Sirna Hojii Ayyaanaa
Waaqayyo Sagaleen foon uffate (Yoh 1:14)
Waaqayyos sagalee/Ilma isaa/ fayyisaa biyya lafaa akka ta’uuf erge (1Yoh 4:14)
Ilmi Waaqayyoo Yesuus (Mat 16:16) seera hundumaa raawwate. Tasumayyuu cubbuu hin
goone/hin hojjenne/. Ibr 4:15, Ibr 2:14-18, Waaqayyo ilmi isaa iddoo keenya akka du’u
akkasumas nuyi immoo qajeelummaa isaatiin qajeelota akka taanu godhe.
         Inni Iddoo Keenya
Cubbuu ta’e (2Qor 5:11)
Abaarsa ta’e (Gal 3:13)
Cubbuu keenya isa nu irra jiru baachuudhaan abaarsaa fi du’a cubbuun nutti fidu ofii isaatii
baachuudhaan nuyi walaba /bilisa/ akka taanu godhe. Yesuus Cubbuu biyya lafaa hundumaa
baateera. Haa ta’u iyyuu malee namni yoo fayyuu barbaade hojii Yesuus qofaan akka
qulqullaa’u amamuutu isa irra jira.
              Namni Tokko Yeroo Yesuusitti Amanu Maal Ta’aa?
       Namni Yesuusitti Amane:-
1. Jireenya bara baraa qaba /hin badus/ (Yoh 3:16, 18)
2. Du’aa gara jireenyaatti ce’eera gara firdii /murtii/ hin dhufu (Yoh 5:24)
3. Firdiin /Condemnation/ irra hin jiru (Rom 8:1)
4. Dhimma seeraatiif hin gaafatamu (Rom 6:14)
5. Cubbuu isaattii dhiqateera. Qajeelaa ta’eera, qulqullaa’eera (1Qol 6:11)
6. Lammaffaa dhalateera (Yoh 1:12)
7. Ilma /mucaa/ Waaqayyoo ta’eera (Rom 8:14-17, Gal 4:6)
8. Uumama haaraa ta’eera (2Qor 5:17)
9. Cubbuun isaa isaaf dhiifameera (1Yoh 2:12, Rom 4:5-8)
10. Yeroo hundumaaf guutuu ta’eera (Ibr 10:14)
11. Hojii tokko malee amantii qofaan qajeelaa ta’eera (Efe 2:8)
12. Kennaan ayyaanaa kennameeraaf (1Qor12:4-11)
13. Hafuura Qulqulluudhaan caapheffameera/Mallateeffameera/ ( Efe 1:13)
14. Hafuurri qulqulluun isa keessaa buufateera (Yoh 7:38, 14:15-17)
15. Mirga Abbaa taa’eera (Efe 2:4-8) fi kan kana fakkaatan…
                 Fayyuudhaaf Gooftaa Yesuusiin Qofa Maaliif Filannee?
Sababni isaas:-
Fayyisaan isa qofa waan ta’eef (Isa 43:11, Hoe 4:12)
Cubbuu keenyaaf kan du’e isa qofa sababa ta’eef (Yoh 3:15, 1Qor 15:3)
Cubbuuttii /irraa/ kan qulqulleessu dhiiga isaa qofa waan ta’eef (1Yoh 1:17)
Gara Abbaa dhufuun kan danda’amu karaa isaa qofa waan ta’eef (Yoh 14:5-6, Efe 2:18)
Jireenyi isa qofa waan ta’eef (Yoh 14:6)

No comments

Contact form

Naamusa

4/list1/Naamusa

Search This Blog

raawwataman

block1/raawwataman

Cuupha Hafuura

video/Cuupha Hafuura

Kiristaanaa

block2/Kiristaanaa

About Us

Barumsaa macaafaqulqulluu barsiisu

Trending