Nature

4/sidebar/recent

Breaking News

Macaafni Qulqulluun Raawwatee “Sagalee Waaqayyoo” ti

 

                 Macaafni Qulqulluun Raawwatee “Sagalee Waaqayyoo” ti

Macaafni Qulqulluun sagalee Waaqayyoo ta’uu isaa ragaawwan gargaaran gosa lamatu jiru.
1. Ragaa Keessaa (Internal Evidence)
2. Ragaa Alaa (External Evidence)
1. Ragaa Keessaa (Internal Evidence): Kana yommuu jennu haalotni Macaafa
Qulqulluu ofiidhuma isaa keessatti ilaalamanii fi dhuga-bahumsa Macaafichi ofii isaa kennu
jechuu dha.
A. Macaafni Qulqulluun mataan isaa sagalee Waaqayyoo ta’uu isaa barreeffamootni
dhibba baay’eetti kan lakkaa’aman ni mirkaneessu.
Fakkeenyaaf: Uma 1 fi 2 “Waaqayyos … jedhe”
Kes 6:6 – 9 “Ani har’a kanan si abboomu/ajaju sagalee kana”
Iya 1: 8“Macaafa seeraa kana … jedhee ani si in abboomneeree?”
Macaafa Qulqulluu keessatti sagaleewwan“Waaqayyos jedhe, Waaqayyoo akkas jedha” jedhan
si’a baay’ee baay’ee irra deddeebi’amee barreeffameera. Kanas kan dubbate sagaleen
kallattiidhaan afaan ofii isaa keessaa ba’uu isaa agarsiisa. Caqasawwan kanneen biroos Macaafni
Qulqulluun sagalee Waaqayyummaa isaa ni mirkaneessu (2Sam 22: 31, Far 1: 2, 12: 6, Fak 30: 5
– 6, Isa 55:10, Er 15:16, Dan 10:21, Lak 22:38, Kes 18:18 – 20, Er 1:9, 23:16 – 22, His 2:7).
B. Gooftaa Yesuus Macaafota Kakuu Moofaa keessaa caqasuudhaan sagalee Waaqummaa
isaa mirkaneesseera.
Seenaawwan Kakuu Moofaa keessatti barreeffaman, hojii ajaa’ibsiisaawwan /dinqiiwwan/
caqasuudhaan dhugummaa isaanii mirkaneesseera.
Fakkeenyaaf:
Seenaan uumamaa Seera Uumamaa keessatti barreeffamuu isaa (Mat 19:4)
Dhugummaa seenaa Addaamii fi Hewwaan (Mat 19: 4 - 6)
Waa’ee Abeel (Mat 23:35)
Waa’ee Seexanaa (Luq 11:18, His 28:11 - 19)
Waa’ee Nohi (Mat 24:37 - 38)
Waa’ee Yoonaas (Mat 12:39)
Waa’ee haadha manaa Loox (Luq 17: 32) fi kkf

Yesuus Macaafota Kakuu Moofaa caqasuu fi isa irrattis dhugummaa caqasawwan raawwataman
sagalee raajiidhaan mirkaneessuu isaatiin sagalee Waaqummaa Macaafotichaa irra caalaatti
agarsiiseera.
C. Sagaleen Waaqayyoo qajeelaa /sirrii/ ta’e karaa barreessisoota raajotaa dabarfameera
Waaqayyo irra deddeebi’uudhaan afaan raajotaa keessaan darbuudhaan dubbateera. Akkasumas
warri inni gaggeesse sagalee isaa irraa otoo hin hir’isiin ykn itti hin dabaliin barreessaniiru.
Fakkeenyaaf: 1Mot 14:18, 16:12, 34, 2Mot 9:36, 14:25, Er 37:2, Zak 7:7, 12
Sababii kanaaf jecha raajotaa kan hin kabajne sagalee isaa akka hin kabajnetti barreeffameera.
Kes 18:19, 1Sam 10:8, 13:13 – 14, 15:3, 19, 23, 1Mot 20: 35 – 36 fi kkf 1Qor 11:23, 14:37, 7:12
(Phaawuloos sagalee isaa sagalee Gooftaa irraa adda baasee kaa’eera)
Kana irratti dabalataanis, Macaafni Qulqulluun namootni ofii isaanii namootaaf kan barreessan
otoo hin ta’iin namoota Hafuurri Waaqayyoo isaan gaggeesseen kan barreeffaman akka ta’e in
dubbata (2Phex 1:20, 21).
Kana waan ta’eef dhugaa Macaafa Qulqulluu irratti Hafuurri Waaqayyoo boqochuu fi sagalee
Waaqayyoo ta’uus mirkaneessuu danda’eera.
2. Ragaa Alaa (External Evidence): Macaafni Qulqulluu sagalee Waaqayyoo ta’uun isaa ofii
isaa qofa kan mirkaneessu otoo hin ta’iin, ragaawwan baay’ee warra shakkitoota iyyuu
amansiisuu danda’uun kan guutame dha.
A. Walitti fufinsaa fi soroorummaa Macaafa Qulqulluu: Macaafni Qulqulluun barreeffamee
xumuramuuf yeroo inni fudhate gara waggoota 1600tti kan dhiyaatu dha. Egaa barreessaa seera
uumamaa fi mul’ata Yohaannis gidduu fageenya waggaa hamma kanaatu (waggaa 1600) jira.
Akkasumas namootni Waaqayyo sagalee isaa barreessisuuf itti fayyadame garaagarummaa
beekumsaa, akkaataa jireenyaa, hojii fi kkf kan qaban yommuu ta’u, erga akkas ta’ee namootni
baroota garaa garaa keessa turan kan wal hin beekne akkamitti Macaafota walitti fufinsaa fi
soroorummaa /jal’ina kan hin qabne/ qabu barreessuu danda’anii? Kana namni kamiyyuu falmuu
kan hin dandeenyee fi kan inni barreeffames gaggeessaa Hafuura tokko qofaan ta’uu isaa dhugaa
mirkaneesse dha.
B. Gad fageenyummaa Mul’ata Macaafa Qulqulluu: Hamma Macaafa Qulqulluu dhugaan
kan guutee fi baay’ee gad fageenya kan qabuun kan nutti agarsiisuu danda’u addunyaa kana irra
macaafni biraa hin jiru. Barreessitootni waa’ee argamsoota ammayyaa beekumsa tokko illee otoo
hin qabaatiin wantoota barreessan,har’a qorannaa saayinsaawaatiin hafteewwan ykn hambaawwan lafa keessaa qotamanii bahan caalaatti mirkaneessuu danda’eera. Hojiiwwan
karooraa fi kaayyoo baay’ee guddaa mul’isuutiin akkasumas, sagaleen raajii isaa yommuu
raawwataman ilaaluudhaan sagalummaa Waaqayyootiin salphaatti mirkaneessuun in danda’ama.
Geengummaa dachee, qabiyyee roobaa, bishaanirra bololi’uu dachee, urjii hamaaketaa (Polar
bear), duraa duuba uumamaa, dacheen boca dhabeettii akka turte, bishaaniin kan haguugamte
akka turte, biqiltootni lubbu-qabayyii jalqaba lafa kanarraa (The beginning of life on earth) ta’uu
isaanii ogummaawwan uumamaa kanneen biroo fi kkf jalqabuma bara durii kan barreeffaman
yommuu ta’u har’a addunyaa saayinsiidhaan akka argamsa haaraa argamee hin beekneetti
mirkanaa’eera.
C. Guddummaa Amala Macaafa Qulqulluu: Sagalee barreeffame isa ta’e Macaafa Qulqulluu
fi sagalee foon jiraataa ta’e Yesuus Kiristoos bifa wal fakkaataadhaan aangoon isaanii
mul’ateera. Kana jechuunis, sagaleen foon ta’ee barreeffamaan taa’e, sagalee Waaqaa akka ta’ee
fi dhimma Hafuuraa hunda irratti aangoo murteessuu akkasumas eenyuyyuu mormuu kan hin
dandeenye ol aantummaan akka jiru beeksiseera.
D. Aangoo Macaafa Qulqulluu Isa hin Loogne: Macaafni Qulqulluun ilma namaa kam irratti
iyyuu aangoodhaan dubbata. Cubbamaa ta’uu fi dadhabbummaa nama hundaa saaxila baaseera.
Qalama/kobbee/ namaatiin yoo barreeffames namaa gara namaatti otoo hin ta’iin, sagalee aangoo
Waaqayyo irraa gara namaatti kan ta’e dabarsa. Mootota, hiyyeessota, dureeyyota, ergamoota,
uumama addaa irratti aangoo sagalee murtii dabarsuu qaba.
E. Guddummaa Barsiisa Macaafa Qulqulluu: Macaafni Qulqulluun icciitii beekumsa dhala
namaa olii fi adda ta’e in mul’isa. Dhimma kam irratti ibsa beekumsaa inni kennu baay’ee
baay’ee guutuu fi sirrii yommuu ta’u, beekumsa yeroon isa hin jijjiirre, teekinooloojiin kan isa
hin hambifne in mul’isa. Kana irraa kan ka’e, Macaafa durii durii ykn Macaafa ammayyaa dha
jechuudhaaf waan rakkisuuf “Sagalee bara baraa /ዘላለማዊ ቃል/” jedhamuu danda’eera.
F. Qabiyyee Sirna Barreeffama Isaa: Gama kanaan yommuu ilaalamu dhugumatti dandeettii
naamootaatiin kan hin barreeffamne ta’uu isaa ariitiidhaan beekuun in danda’ama. Qabiyyeen
keessa isaatti argamu sirna barreeffaa jiran hunda kan dhuunfate dha. Gabaasota seenaa, raajota,
weedduuwwan, tiyaatiroota, kan waraanaa, seenaawwan jaalalaa kan qabate dha. Kunis namoota
sadarkaa beekumsaa kam irra jiran booji’uuf humna akka qabaatu isa taasiseera.
G. Humna Jijjiiruu fi Baay’inaan Maxxanfamuu Macaafa Qulqulluu: Addunyaa keenya
kana irratti hamma Macaafa Qulqulluu saba garaa garaaf afoonota garaa garaatti macaafni hiikame hin jiru. Gama baay’ina maxxansaatiinis matumaa Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal
dorgomu hin argamu. Dabalataanis, ergaawwanii fi beekumsa Macaafa Qulqulluu keessa jiraniin
namootni jijjiirama jireenyaa fi kaayyoo sirrii ta’e fiduu isaaniitiin Macaafni Qulqulluu sagalee
Waaqayyoo ta’uu isaaf ragaa dha. Sagalicha irraa kan ka’es, seenaan namoota kuma baay’ee fi
biyyootaa jijjiirameera. Dandeettiin nama qulleessuu, haaressuu, jijjiiruu isaa shakkii tokko
malee sagalee Waaqayyoo ta’uu isaaf ragaa dha.
       3. 2. Macaafni Qulqulluun Dhugumatti “Hafuura Waaqayyoo” ti.
Macaafni Qulqulluu Hafuura Waaqayyooti yommuu jennu, namoota Waaqayyo barreessisuuf itti
fayyadame gaggeessaa guutuu /dhugaa/ ta’een akka barreessaniif taasisuu isaa agarsiisuudhaafi
dha. Hafuura Waaqayyoo (inspiration) jechi jedhu afaan Giriikiitiin “Theopneustos” jedhamee
isa barreeffame yommuu ta’u, hiikkaan isaas “Waaqayyo hafuura baafate, hargane” akka
jechuu ti, kutaa Macaafa Qulqulluu kun keessatti barreeffame hiika garaa garaatiin kaa’ameera
(2Xim 3:16).
“Macaafa Hafuura Waaqayyoo of keessaa qabu…” (Hiikkaa 1954)
“Macaafni Qulqulluu hundi gaggeessaa Hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame dha” (Hiikkaa
1980)
“Macaafotni Qulqulluu hundi Hafuura Waaqayyoo kan of keessaa qabani dha” (Hiikka waalta’aa
haaraa /አ.መ.ት/)
“All scripture is given by inspiration of God” (KJV)
“Every part of scripture is God - breathed” (The Message)
Tooftaalee hiikkaa garaa garaan yoo taa’es hundeen yaada “Theopneustos” garuu
barreeffamootni Macaafa Qulqulluu hundi dhiibbaa Waaqayyoo fi hirmaannaa Waaqayyootiin
kan barreeffaman ta’uu isaanii agarsiisuu dha. Kana irratti dabalataanis, sagaleen “Macaafota
Hunda” jedhu hundi “Graphe” kan jedhu yommuu ta’u kunis Macaafota Macaafa Qulqulluu
keessa jiran qofa kan ibsu malee maxxansaawwan Hafuuraa kanneen biroo (kitaabota, barruulee)
fi kan kana fakkaataniif kan tajaajilu miti. Dhimma kana irratti yaada garaa garaa (theories) tu
jiru. Ilaalchota Waaqayyo Macaafa Qulqulluu barreessisuuf ykn Hafuura isaatti kan fayyadame
hammaa fi sadarkaa garaa garaa dha kan jedhan irratti yaada (theories) hirkatani dha.
2.1. Ilaalchota (Yaadota /Theories/) Hafuura Waaqayyoo
   2.1.1. Ilaalcha Yaada Sagalee /guutuu/ (Full inspiration of words)
Yeroo barreeffamootni kutaa Macaafa Qulqulluu gara jalqabaa barreeffamanitti Waaqayyo
barreessitootaan filannoon jechootaallee otoo hin hafiin isaan filateera jechuu dha. Kunis
gaggeessaa Hafuura Qulqulluu malee kan barreeffame hin jiru jechuu dha. Haa ta’u malee,
yaadni (theory) kun kanneen biroo hundarra fayyaa fi deeggarsa Macaafa Qulqulluu kan qabu
ta’ee in argama. 
2.1.2. Yaada sagalee sagaleetiin (Mechanical and word inspiration)
Waaqayyo barreessitootni sagalee isaa barreessan hirmaannaa tokko illee akka hin goone
taasiseera kanaafuu miirri barreessitootaa tokko illee hin barreeffamne jechuu dha. Kun immoo
yaada gaddi, gammachuun, oriisaan fi kkf barreessitootaa kan hin dhuunfatamne isa taasisa.
2.1.3. Yaad-rimee /ጽንሰ - ሀሳባዊ/ (Idealistic approach)
Waaqayyo barreessitootaaf kan kenne sagalee isaa isa sirrii osoo hin ta’iin yaad-rimee isaa
qofaadhaatii ilaalchichi ‘barreeffama namootaati’ kan jedhu yommuu ta’u abbaan Macaafa
Qulqulluu namoota akka ta’an barsiisa.
2.1.4. Gar-tokkoo Hafuura Waaqayyoo (Partial inspiration)
Yaada kutaawwan muraasa Macaafa Qulqulluu irraa fudhataman qofaadha gaggeessaa
Waaqayyootiin kan barreeffaman jedhu dha.
2.1.5. Ortodooksii isa Haaraa (Neo -orthodoxy): Yaada (Theory) namni Kaarl Bart jedhamu
dhiyeesse yommuu ta’u, yeroo Macaafni Qulqulluu barreffaametti gaheen Hafuura Waaqayyoo
yoo jiraate iyyuu Macaaficha keessatti garuu yaadni dogoggoraa in argama jedhu dha.
2.1.6. Hafuura Uumamaa (Natural inspiration theory): Barsiisa hunda irra hamaa fi Macaafa
Qulqulluu akkuma macaafota halleetti/kamiitti/ kan lakkaa’u dha.
                 Ragaa/Mirkaneessa/ Hafuura Waaqayyoo
A. Dhuga-bahumsa Kiristoos:
Macaafni Qulqulluu macaafa Hafuura Waaqayyoo ta’uu isaa ragaa guddaa nuyi argannu Yesuus
Kiristoos mataadhuma ofii isaa irraa dha. Waan hundumaa caalaa immoo, inni macaafota irraa
caqasuu fi barsiisuun aangoo macaafotni qaban mirkaneesseera. Bu’uura Mat 5:18tiin seera
keessaa qubeen/tuqaan/ tokko akka hin dabarre dubbachuudhaan sagalichi Hafuura Waaqayyoo
ta’uu isaa hubachiiseera. “Tuqaan tokko” ykn sagaleen tokko hin dabartu jechuu isaatiin tokkoo
tokkoon sagalee isaanii Hafuura Waaqayyoo ta’uu isaa guddiseera.
Yoh 10:35 irriatti kitaabni immoo waan hin diigamneef Mat 1:22 – 23 sagaleen Kakuu Moofaa
yommuu raawwatu ilaaluudhaan fi kkf sababii kanaaf barreeffamootni Macaafa Qulqulluu
keessa jiran kan namni uume otoo hin ta’iin Hafuuraan gaggeeffamuudhaan kan
barreessisiifaman ta’uu isaanii beekuun in danda’ama (2Phex 1:21).
B. Dhuga-baatota Barreeffamootaa
2Xim 3:16 irratti kallattiidhaan sagaleen Macaafa Qulqulluu Hafuura Waaqayyoo akka of
keessaa qaban barreeffameera. Kunis sagaleen ykn barreeffamotni Macaafa Qulqulluu hunduu
Hafuura Waaqayyoo akka of keessaa qaban ni mirkaneessa. Akkasumas 2Phex 1:21 irratti
namootni haala kamiyyuu keessatti gonkumaa kaka’umsa ykn beekumsa ofii isaaniitiin akka hin
barreessinee fi barreeffamootni hundinuu kan barreeffaman Hafuura Waaqayyoon
gaggeeffamanii akka ta’e barreeffameera. Kunis jechi“Kaamenedaatikaa” jedhu barreessitootni
kallattiidhaan yaada mataa isaanii dhiibbaa kamiiniyyuu barreessuu akka hin dandeenye
agarsiisa. Kana irraa kan ka’es, barreeffamootni jalqabaa (Original manuscripts) raawwatanii
dogoggora kan hin qabne dha.
    3. 3. Qabiyyee fi Hundeeffama Keessa Macaafa Qulqulluu
Yihudootni barsiisota macaafotaa Macaafota Kakuu Moofaa 39’n iddoo sadiitti isaan qoodu.
Qoqqodamsa kana Gooftaan ofii isaayyuu barumsa isaa keessatti itti fayyadameera. Yihudootni
qoqqoodamsa kana salphaatti “ታናክ” jedhanii waamu. Kana jechuunis:
1. ታ = ተዉራት (Seerota)
2. = ነቢም (Raajota)
3. = ኬቱቢም (Macaafota Faarfannaa) jechuu dha (Luq 24:44).
Beektotni sirna Hafuuraa immoo qabiyyee Macaafotichi of keessaa qaban irraa ka’uun, Kakuu
Moofaa iddoo 4tti, Kakuu Haaraa iddoo 4tti hundeessaniiru.
Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana
dubbateera (Isa 34:16) 


No comments

Contact form

Naamusa

4/list1/Naamusa

Search This Blog

raawwataman

block1/raawwataman

Cuupha Hafuura

video/Cuupha Hafuura

Kiristaanaa

block2/Kiristaanaa

About Us

Barumsaa macaafaqulqulluu barsiisu

Trending