Nature

4/sidebar/recent

Breaking News

Qomoo sadan: Yihudoota, saba Waaqayyoo kan hin ta’iin fi Waldaa Kiristiyaanaa

 Qomoo sadan: Yihudoota, saba Waaqayyoo kan hin ta’iin fi Waldaa Kiristiyaanaa





Namni Macaafa Qulqulluu dubbisu tokko walakkaan macaafichaa qabiyyeedhaan waa’ee saba
tokkoo, jechuun Israa’elootaa, akka ta’e hubachuuf kan isa rakkisu hin ta’u. Itti dabalatees namni
kun sabni Israa’eel akeekaa fi maree Waaqayyoo keessaa iddoo adda ta’e akka isaan qaban ni
hubata. Sanyii fi qomoo namaattii adda ba’anii kakuu Yaahiwwee keessa akka galan
taasifamaniiru, innis abdii isaaniif qofa ta’e kan saba biraa hin ilaallanne kenneeraaf. Seenaa fi
raajii kakuu moofaa keessatti kan dubbatame seenaa Yihudootaa qofa.
Sabni warri kaan kan ibsaman walitti dhufeenya isaan saba Israa’elii wajjin qabaniin kan
ibsamedha. Kakuu isa darbe keessatti osoo sabni Israa’el kan abboomamanii fi kan amanaman
ta’anii, guddummaan lafa irraa, badhaadhummaa fi aangoon lafa irraa akka isaaniif kennamu
kakuun isaaniif galamee ture. Yoo abboomamuu fi amanamuu dhaabaatan garuu daarii lafaa gar
tokkoo hamma gara kaaniitti saba hundumaa gidduu akka tamsa’an (Kes 28:64) ibsameera.
Abdiin Masiihichaa inni eebba gosa namoota lafaa hundumaaf ta’u akka dhaloota fooniittis
qomoo isaanii keessaa akka dhufu kan himamee ture.
Namni Macaafa Qulqulluu dubbisu qorannoo isaa yeroo itti fufu qaama baay’inaan ibsamte kan
biraa ni argata, isheenis Waldaa Kiristiyaanaa kan Waaqayyoo jedhamtee waamamteetti. Qaamni
kunis Waaqayyo wajjin walitti dhufeenya adda ta’e qabdi, akkuma Israa’elis abdii ishee qofaaf
ta’e Waaqayyoo irraa fudhatteetti. Wal fakkeenyi isheen Israa’elii wajjin qabdu isuma kanaan
ga’ee garaa garummaan guddaa isaan gidduu jiru itti fufa.
Qaamni kun kan ijaaramte fooniin sanyii Abrahaam warra ta’an qofaan utuu hin ta’iin ishee
keessatti adda addummaan Yihudii fi saba Waaqayyoo warra hin ta’iin gidduu jiru hafeera.
Walitti dhufeenyi kun kakuu irratti qofa kan hundaa’e utuu hin ta’iin lammaffaa dhalachuu isa
Yesuus Kiristoosiin akka fayyisaa fi akka gooftaatti fudhachuudhaan argamuun malee.
Waldaan abboomamuudhaan guddummaa fi badhaadhummaa lafa irraa argachuuf utuu hin 
ta’iin nyaataa fi uffata yoo argatte jireenyi koo na ga’a akka jettuu fi ari’atamuu fi jibbamuun
akka itti dhufu barumsi laatameeraaf. Akkasumas, akkuma Israa’el wantoota yeroof ta’an kan
biyya lafaa irraa wajjin walitti dhufeenya qabdu hunda, Waldaan Kiristiyaanaa immoo wantoota
waaqa irraa fi wantoota hafuuraa wajjin haala adda ta’een wal qabattee jirti.
Dabalataanis, Macaafni Qulqulluun, Israa’elis taate Waldaan Kiristiyaanaa bara baraa
jalqabanii beekamanii kan turan akka hin taane ni ibsa. Lamaan isaanii iyyuu jalqabni isaanii
ni beekama. Macaafni Qulqulluun akka ibsutti jalqabni Israa’eel, waamamuu Abrahamii
kaasee akka jalqabe ni dubbata. Guyyaa dhalootaa Waldaa Kiristiyaanaa immoo, namni
Macaafa Qulqulluu qoratu, yeroo Kiristoos biyya lafaa irra turettis ta’e isa dura akka hin turre
hubachuu ni danda’a; sababni isaas Kiristoos waa’ee Waldaa kanaa gara fuula duraatti akka
isheen taatutti dubbataa ture.
       “Anis dhagaa hin sochoone kana irratti Waldaa koo nan ijaara” jedhe (Mat 16:18)
        “ijaareera” yookiis “ijaaraan jira” utuu hin ta’in “nan ijaara” jedha.
Itti fufees Ef 3:5-10 keessatti waldaan kun dhaloota kakuu moofaaa keessa turan biratti
dhoksaa akka turte ni dubbata. Namootni tokko tokko garuu dogoggoraan Addaamii fi
namootni kakuu moofaa waldaa kana keessa akka jiranitti dubbatu; kun garuu dogoggora dha.
Akka macaafa qulqulluutti guyyaan dhalootaa Waldaa Kiristiyaanaa hojii ergamootaa
boqonnaa 2 keessatti (Hafuurri Qulqulluun yeroo gad bu’e) akka ta’ee fi biyya lafaa irraa kan
isheen raawwattee ol butamtu immoo ergaa gara warra Tasalonqee boqonnaa afur keessatti
ibsamee jira.
Kan biraan immoo qomoo Israa’elis ta’e Waldaa Kiristiyaanaa irraa adda kan ta’e saba
waaqayyoo kan hin ta’in waa’een isaanii Macaafa Qulqulluu kee ssatti baay’inaan hin ta’in
malee ibsameera.
Waa’ee Israa’elii fi Waldaa Kistiyaanaa Macaafa Qulqulluun wal bira qabnee yeroo ilaallu;
waamichaan, abdiidhaan, waaqeffannaadhaan, qajeelfama ittiin deddeebi’aniin ,
akkasumas itti galma isaanii isa gara fuul duraatiin adda adda ta’anii argina.
                               1. Waamichaan
    Waa’ee Israa’eliif                                                
Waaqayyoo Abrahamiin “Biyya kee keessaa, lammii kee keessaa, maatii abbaa kee keessaa, ba’iitii gara biyya ani siagarsiisu dhaqi.” Jedha (Uma 12:1)
Waaqayyo gooftaan keessan biyya gaariitti, isa dachaan isaa fi tulluun isaa burqaa bishaanii, ijoo bishaanii fi bishaan lafa jalaa qabutti isin in galcha (Kes 8:7-9)
Yommuus namichi, “ani hojjetaa Abrahaamidha, waaqayyo, gooftaa koo kana baay’ee eebbisee, nama guddaa isa godheera; inni hojjettoota dhiiraa fi dubartii, bushaayee, saawwa, meetii, warqee, gaalota, harrootas   kenneeraaf (Uma 24:34-35)
Diinonni keessan warri isin irratti ka’an isin duratti rukutamanii akka dhuman waaqayyo in godha; karaa tokko isinitti in dhufu, karaa torba isin in baqatu (Kes 28:7)
Waaqayyo akka isin mataa taatan godha malee, eegee isin hin taasisu (Kes 28:13) 
Waa’ee Waldaa Kristiyaanaatiif
… Obboloota waamicha isa waaqa irraa keessaa hirmaattanii… (Ib 3:1)
Nuyi garuu nama biyya waaqa irraa ti (Fil3:20)
Yesuus immoo, “waangonni boolla qabu, simbirroonnis mann’ee qabu, ilmi namaa garuu lafa mataa isaa itti hirkifatu hin qabu.” Jedhe (Mat 8:20)
Waan hin badne, waan xurii hin qabne, waan gad deebi’aa hin adeemnes, isa waaqa keessatti isiniif eegame…     (1Phe 1:4)
Hamma ammaatti nuyi in beelofna,in dheebonnas; moofaa uffanna,in reebamna, hojiidhaafis asii fi achi in joorra (1Qor 14:11)
Yesuus yommuus naannoo isaa ilaalee bartoota isaatiin, “warra qabeeyyii dhaaf mootummaa waaqayyootti       galuun attam rakkisaadha!” jedhe (Mar 10:23)
Waaqayyo akka isaan amantiitti sooromaniif, mootummaa isaa isa inni warra isa jaallatan abdachiisettis akka
   galaniif namoota biyya lafaa duratti hiyyeessota warra ta’an fo’ate mitiiree? (Yaq 2:5)
“Manneen sagadaa isaanii keessaa isin in baasu, caalaadhumatti iyyuu yeroon itti isin
ajjeesan in dhufa; namni yeroo isin ajjeeseswaaqayyoof waan hojjetu isatti fakkatu… (Yoh 16:2)
Eenyu illee akka mucaa kanaatti yoo gad of
deebise, mootummaa waaqayyootti
hundumaa irra kan caalu isa (Mat 18:4) 

Amma bara ayyaanaa keeessa jirru kanatti Yihudiis ta’e saba waaqayyoo kan hin ta’in,
fayyinni, lammaffaa dhalachuudhaan (Yoh 3:3-16)fi waldaa waaqayyoo (Ef 1:22-23) ishee
dhagna tokko taate (1Qor 12:13) keessatti dabalamuudhaan amantii gooftaa Yesuus irratti
qaban irratti qofa kan hundaa’e ta’uun isaa waan nama shakkisiisu miti.
Waldaa keessatti adda addummaan Yihudii fi saba waaqayyoo hin ta’in gidduu jiru ni hafa
( 1Qor 12:13, Gal 3:28, Efe 2:14, Efe 2:11)
Isin amma illee saba Waaqayyoo utuu hin ta’iin dura (1Qor 12:2) jechi jedhu kan nu
agarsiisu dhaloota isaaniitiin namootni Yihudootni yookiis saba waaqayyoo warri hin ta’in
gara waldaa kanaa yommuu dhufan garaa garummaan isaan gidduu jiru badee lamaanuu
karaa Kristoosiin uumama haaraa kan ta’an Kristiyaanota qofa akka ta’anidha.
Garaa garummaan Israa’elii fi waldaa waaqayyoo gidduu jiru qajeelfama amala gaarii
isaaniif kennameenis ni mul’ata. Kanneen armaan gadiitti barreeffaman wal bira qabii ilaali.
          3. Waaqeffannaadhaan
Haala waaqeffannaadhaanis Israa’elonnii fi Waldaan Kiristiyaanaa garaa garummaa qabu.
Israa’elonni kan isaan waaqeffachuu danda’an iddoo tokko qofatti akkasumas waaqayyoo irraa
fagaatanii ture; gara isaatti kan dhiyaatanis karaa lubootaa ture (kana jechuunis sabni Israa’el
hundi luboota sababa hin ta’iniif karaa qomoo filatamanii luboota ta’an qofa gara
waaqayyootti dhi’aatu turan). Waldaan Kirstiyaanaa garuu lama yookiis sadii ta’anii walitti
qabamuudhaan bakka kamitti illee waaqeffachuu dandeessi, gara iddoo isa hundumaa irra
caalaa qulqulluutti galuudhaaf ija jabina qabdi. Akkasumas amantootni hundumti isaanii iyyuu
luboota dha. Kanatti fufanii kan jiran wal bira qabii ilaali.
Lew 17:8-9 fi Mat 18:20 wajjin wal bira qabii ilaali
Luq 1:10 fi Ib 10:19-20 wajjin wal bira qabii ilaali
Lak 3:10 fi 1Phe 2:5 wajjin wal bira qabii ilaali
      4. Haala gara fuula duraatiin
Karaa raajotaas haala gara fuula duraa Israa’elii fi waldaa kan dubbatame garaa garummaa
nama dinqisiisudha. Waldaan guutummaa guutuutti lafa irraa gara waaqaatti kan fudhatamtu
yoo ta’u, Israa’el garuu badhaadhummaa lafa irraa baay’ee gud daa ta’e, aangoonis ni
eeeggataan. Mee kanatti fufee kan jiru ilaali.
Waa’ee Waldaa Kristiyaanaatiif
Mana abbaa koo keesssa iddoon jireenyaa baay’eetu jira; utuu inni hin jiru ta’ee, isinitti
nan himan ture; iddoo jiru sana isiniif qopheessuu dhaaf nan adeema yommuun dhaqee
iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif deebi’ee
dhufeetan gara ofii kootti isin fudhadha (Yoh 14:2-3)
Nuyi warri gaafa gooftaan deebi’ee dhufu utuu hin du’in jirru, warra obbaafatan dura
hin buunu, sagaleen guddisee nama abboomu, sagaleen angafa ergamootaa in
dhaga’ama, malakatni Waaqayyoos in afuufama. Kana hundumaa wajjin gooftaan
waaqa irraa gad in bu’a; warri Kristoositti amananii du’an dura in kaa famu. Kana
booddee nuyi warri utuu hin du’in hafne immoo, isaanumaa wajjin qilleensa keessatti
gooftaa simachuudhaaf duumessa keessa ol hin butamna; ergasii yeroo hundumaa
gooftaa bira in jiraatna (1Tas 4:15-17)
Kristoos achii nuuf dhufa” jennee eegganna. Inni hu mna isaatiin bifa dhagna keenya
isa gad deebi’aa diddiiree akka dhagna isaa isa ulfina qabeessaa gochuu in danda’a;
humna kanaanis waanuma hundumaa of jala in galcha (Fil 3:20-21)
Michoota koo! Nuyi amma ijoollee Waaqayyooti; isa booddee immoo maal ta’uuf akka
jirru mul’ataa miti. Haa ta’u iyyuu malee, yommuu i nni mul’atu inni akka jirutti isa
arguuf waan jirruuf akka isaa akka taanu beekna (1Yoh 3:2)
Kottaa in gammannaa, in ililchinas! Maqaa isaas in guddifna guyyaan gaa’eela
hoolichaa ga’eera; misirroon isaas isaaf of qopheessiteetti; uffata quncee talbaa irraa
hojjetame, calaqqisaa fi qullaa’aa uffachuun isheedhaaf kennameera. Uffanni quncee
talbaa sunis hojii warra waaqayyoof qulqullaa’anii isa qajeelaadha. Warri gara cidha
gaa’ela hoolichaatti waamaman haa gammadan atis kana caafi naan jedhe (Mul 19:7-9)
Namni du’aa ka’uu isa duraa kana keessaa qooda qabu attam gammada attamis
waaqayyoof kan qulqullaa’edha! Duuni lammaffaan warra akkasii irratti humna hin
qabu; isaanis luboota waaqayyoo, luboota Kristoos ta’anii, isaa wajjin waggaa kuma
tokkoof mo’uuf jiru (Mul 20:6)
Waa’ee Israa’eliif
Kunoo, in ulfoofta ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesuus jedhii moggaasi! Inni
guddaa in ta’a ilma abbaas jedhamee in waamama, waaqayyo gooftaanis teessoo
abaabilii isaa Daawwit in kennaaf. Mana Yaaqoob irratti bara baraan in mo’a, barri
mootummaa isaas dhuma hin qabu (Luq 1:31-33)
o Abdii torba warra Maariyaamiif kennaman kana keessaa warri jalqabaa shanan
raawwatamaniiru. Warri hafan lamaan immoo hin raawwataman jechuuf
akkamitti dandeenyaree?
Simoon, waaqayyo attamitti dura warra saba isaa hin ta’in keessaa, saba ofii isaatii
godhachuu dhaaf akka dhimme nutti himeera. Dubbiin raajotaas akka caafamee jirutti
kanaa wajjin walii gala.
o “Isa kana booddee nan deebi’a, mana Daawwit isa jig es deebisee nan ijaara…
(HoE 15:14-16)
Egaa, waaqayyo saba isaa gateeraaree? Matumaa kun ta’uu hin danda’u. Ani ofii kootii
nama Israa’el, sanyii Abrahaam gosa Beniyaam keessaa tokko … egaa, gufachuun
isaanii akka kufanii hafaniif moo ree? Matumaa kun ta’uu hin danda’u; garuu irra 
Nuyi garuu nama biyya waaqa irraati “Gooftaan keeny a fayyisaan keenya Yesuus daddarbuu isaaniitiin, hinaaffaa garaa warra Israa’el keessaa dammaqsuu dhaaf, warra
Yihudoota hin ta’aniif fayyinni argame …Ati inni muka ejersaa dii daattii dhalattee,
isa irraa muramtee, muka ejersa qe’ee isa akka uumamaatti sittii gargar ba’etti, kan
fayyifamte erga taatee, hammam caalaatti warri ittii dhalatan kun deebi’anii muka
isaaniitti haa fayyifamaniree? Nutu gargar baasee hubate akka hin jennef, dhoksaa
dhugaa kana akka beektan nan barbaada, yaa obboloota koo! Innis immoo, mata
jabinni Israa’el keessaa gar tokkotti dhufe, hamma warri saba waaqayyoo hin ta’in
guutummaatti saba isaatti dabalamanitti malee, isaan irratti hin hafu. Israa’elis
guutummaatti in fayyifama; caaffanni qulqullaa’aan waa’ee isaatiif “Inni furu Xiyoonii
i n dhufa, waaqayyo malee jiraachuus sanyii Yaaqoob keessaa in baasa” (Rom 11:1,
11,24-2 6)
Yeroo sanatti gooftichi si’a lammaffaa harka isaa diriirsee saba isaa warra biyya biraatti
hafan in fura. Inni saba lafa irraaf faajjii ol in kaasa, warra Israa’el keessaa ari’atamanii
ba’anis walitti in qaba; warra Yihudaa keessaa faffaca’anis golee lafaa arfanuutii walittiin
sassaaba (Isa 11:11-12)
Waaqayyo sanyii Yaaqoobiif in oo’a, ammas Israa’elo ta fo’ee biyya isaanii keessa in
teessisa; sabni ormaa isaanitti in dabalama, sanyii Yaaqoobittis in hirkata (Isa 14:1)
Kanaaf waaqayyo “kunoo, barri namootni itti, ‘dhuga a waaqayyo isa jiraataa isa ijoollee
Israa’el biyya Gibxii baaseeti jedhanii kakachuu dhiisan in dhufa, ani gara biyya isan dur
abbota isaaniif kennetti deebisee waanan isaan galchuuf, yommuus, ‘dhugaa waaqa jiraataa
isa ijoollee Israa’el biyya gara bitaatii, biyya garaa garaa lafa itti isaan bittimsee ture
hundumaattiis baasee fideeti’ jedhanii in kakatu.” jedhe (Er 16:14-15)
Waaqayyo, “kunoo, barri ani itti sanyii Daawwit kee ssaa mootii qajeelummaa dhaan
hojjetu kaasu in dhufa; inni mootii ogummaa dhaan mo’uu fi mootii lafa irratti firdii
qajeelaa fi qajeelummaa eegu in ta’a. bara isaa keessa yihudaan in fayya Israa’elis bir’aa
malee in jiraata; maqaan isaa, ‘waaqayyo qajeelummaa keenya’ in jedhama” (Er 23:5-6)
Akkasumas kutaa macaafa qulqulluu (Sof 3:14-15, Er 32:27-28) dubbisi
Guddina waldaa kiristaanaa duubatti harkisuu, ergama ishee waliin makuu, akkasumas
wantoota hafuuraa ishee jalaa balleessuu keessatti qooda sababootni kan biraa hundi walitti
ida’amanii qaban caalaatti isheedhaaf amala Yihudii yookiis bakka Israa’el buusanii
fudhachuun miidhaa isa caalu irraan ga’ee jira.
Amma, ‘waldaa kiristaanati’ nuti jedhanii warri dubbatan tokko tokko, waaqayyo biraa waldaa
kiristaanaa ishee dhugaa dhaaf adda ba’uu, ari’atam uu, biyya lafaan jibbamuu, hiyyummaa fi
ijaa bafachuu dhiisuu fi k.k.kf warra waldaa kiristaanaaf barreeffaman irraa goranii jiraachaa
jiru; garuu isaan, kutaa macaafa qulqulluu waa’ee Israa’e liif dubbatu akka waan waldaa
kiristaanaaf kennameetti fudhachuudhaan, kaayyoo isaanii gara ogummaa biyya lafaatti,
qabeenya walitti qabuu, dambii garaa garaa hojii irra oolchuu, gamoo gurguddaa keessatti
walitti qabaman ijaaruu, obboloota waaqayyoo duratti wal qixa ta’an “luba” fi “amanaa”
jechuudhaan gara adda adda baasuu, gad qabuudhaafis itti fayyadamaa jiru. 

No comments

Contact form

Naamusa

4/list1/Naamusa

Search This Blog

raawwataman

block1/raawwataman

Cuupha Hafuura

video/Cuupha Hafuura

Kiristaanaa

block2/Kiristaanaa

About Us

Barumsaa macaafaqulqulluu barsiisu

Trending