Nature

4/sidebar/recent

Breaking News

Gosoota Firdii Shanan

                                                         Gosoota Firdii Shanan





Barreeffamoota amantaa adda addaatiin barreeffaman baay’een isaanii waa’ee “firdii walii
galaa” kan isaan barreessan jechi akkas jedhus ta’e yaadi isaan dabarsuu babaadanis Macaafa
Qulqulluu keessatti hin argaman. Yeroo tokko namni Dr. Peentkoost jedhamu akkas jedhee
ture: “firdiin, namni hundinuu (qulqullootni fi cubbamootni, Yihudootii fi saba Waaqayyoo
kan hin ta’in, du’ootnii fi lubbuun kan jiran), dhuma biyya lafaa irratti ‘teessoo adii guddaa’
duratti hundi tokkommaa dhaan walitti qabamuudhaan taatee raawwatamu jedhanii
Kristaanonni akka yaadan kan taasise dogoggora dha. Kunis barsiisa Macaafa Qulqulluuttii
baay’isee kan fagaatedha.”
Macaafa Qulqulluu keessa gosoota firdii jiran hunda yoo ilaalle bakka shanitti qoodamu,
isaanis inni tokko isa kaan irraa waan afuriin adda ba’u; wantootni arfan kunis
a)Eenyummaa namoota firdiin itti faradamu
b)Iddoo firdichi itti kennamu
c)Yeroo firdichi itti kennamu fi
d)Bu’aa firdii sanaa ti
Gosootni firdii shanan kunis kan armaan gadiiti.
1.Firdii cubbuu amantootaa irratti faradame
2.Firdii dhagna amanaa irratti faradamu
3.Firdii hojii amantootaa irratti faradamu
4.Firdii saba Waaqayyoo hin ta’iin (kan lubbuu dhaan jiran) irratti faradamu
5.Firdii du’oota hin fayyiin irratti faradamu
1.Firdii cubbuu amantootaa irratti
faradame Yeroo: waggaa araaraa 30 tti
Iddoo: fannoo qaraaniyoo
irratti Bu’aa: du’uu Kristoos
Amanaadhaaf immoo qajeelummaa/ jireenya bara baraa
Yesuus fannoo isaa ofii baatee gara iddoo “lafee ma taa” yookiis afaan Ibraayisxiitti
“Golgootaa” jedhamutti ba’e. Achitti isa fannisan (Yoh 19:17-18)
Inni ofii isaatii cubbuu keenya dhagna isaatiin baatee fannootti ol ba’e (1Phe 2:24)
Kristoos immoo gara waaqayyoo isaan fiduudhaaf jedhee, yeroo hundumaaf akka
ta’utti al tokkicha cubbuu namoota baay’eetiif dhip hateera; inni qajeelaan foon
uffatee, qooda warra jal’ootaa ajjeefame, hafuuraan jiraachifameera (1Phe 3:18)
Kristoos immoo nuuf jedhee abaaramaa ta’uu dhaan, abaarsa isa serichi nutti fidu jalaa 
nu fureera; akkuma caafame, “namni mukatti ra rraafame abaaramaadha” in jedha (Gal
3:13)
Isa cubbuu tokko illee hin qabne, nuyi karaa isaa qajeelina waaqayyoo akka argannutti,
nuuf jedhee cubbuu isa godheera (2Qor 5:21)
Amma garuu dhuma barichaatti, yeroo hundumaaf akka ta’utti al tokkicha ofii isaa
aarsaa dhi’eessuu isaatiin cubbuu balleessuu dhaaf mul’ateera (Ibr 9:26)
Inni cubbuuttii qulleeffamuu erga argachiisee booddee, ol gubbaa mirga isa surra
qabeessaa dhaqee in taa’e (Ibr 1:30)
Egaa amma firdiin, warra Kristoos Yesuusitti qabamanii jiraatanitti faradamu tokko
illee hin jiru (Rom 8:1)
Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga’ee isa ana ergetti kan amanu
jireenya bara baraa qaba; inni du’a keessaa gara jireenyaatti darbe malee, gara firdii hin
dhaqu (Yoh 5:24)
1.Firdii dhagna amanaa irratti faradamu
Yeroo: yeroo kam illee
Bakka: iddoo kamitti illee
Bu’aa: adabbii
Amanaan sababa kamiin iyyuu cubbuu yoo hojjete of irratti muruudhaan qalbii jijjiirratee gara
Waaqayyootti deebi’uudhaan dhiifama argachuu ni danda’a; kana gochuudhaa yoo baate
garuu waaqayyo akka fedha isaa fi akkaataa hojii isaatiin dhagna isaa irratti akkasumas
faayidaawwan biyya lafaa keessa jiraniinis isa adabuu ni danda’a.
Utuu of irratti arginee nuyi of irratti murreerra ta’ee, waaqayyo nutti hin faradu ture.
Yeroo amma nutti faradamu immoo, firdiin bara baraa biyya lafaa wajjin akka nutti hin
faradamnetti, gooftichi akkasitti adabee nu qajeelcha (1Qor 11:31-32)
Waaqayyo wanta ilmaaniif godhamuun ta’u, isiniif in godha; ilmi abbaan isaa barsiisuuf
hin adabne immoo isa kamiree? (Ibr 12:7)
Kanatti fufee kan jirus dubbisi:(1Phe 4:17, 1Qor 5:5, 2Sam 7:14-15, 2Sam 12:13-14, 1Xim
1:20)
2.Firdii hojii amantootaa irratti faradamu
Yeroo: yommuu Kristoos deebi’ee dhufu.
Bakka: waaqa irratti
Bu’aa: gatii (badhaasa)/gonfoo fudhachuu yookiiis fudhachuu dhabuu (ofii isaatii
garuu in oola)
Kristoos cubbuu keenya dhagna isaatiin fannoo irratti yoo baate iyyuu, akkasumas waaqayyo
cubbuu keenya “deebi’ee hin yaadadhu” jechuudhaan k akuu yoo gale iyyuu, hojiin keenya
hundi gara firdiitti akka dhi’aatu hubachuun kan nuuf ta’ u dha.
Egaa mana dhagna keenyaa keessa jiraannus, isa irraa fagaannus, gooftaa biratti
fudhatamoo akka taanuuf in dhimmina. Namni adduma addaan dhagna isaa kanatti
utuu jiruu gaariis ta’e hamaas ta’e, akkuma hojjete tti waan isaaf ta’u akka argatuuf,
nuyi hundumti keenya barcuma firdii Kristoos duratti dhi’aachuuf jirra (2Qor 5:9-10)
Ati garuu maaliif obboleessa keetti faraddaree? Yookiis ati maaliif obboleessa kee
ceephaata ree? Hundumti keenya barcuma firdii waaqayyoo duratti dhi’aachuuf jirra
(Rom 14:10)
Kutaan macaafa qulqulluu armaan olitti caqasaman lamaanuu waa’ee amantootaa qofa akka
ta’e ifaadha.
Kutaa dubbisaa isa jalqabaa (2Qor 5:9-10) keessatti Phaawuloos waa’ee keenyaaf kan inni
barreesse haala lamaan keessaa isa tokko keessa akka jirruttidha innis: dhagna keenya keessa
jiraachuu yookiis dhagna keenya irraa fagaannee gooftaa wajjin jiraachuudha. Jechoota
akkasii kana immoo namoota hin amaniniif fayyadamuun hin danda’amu. Iddoo (haala)
lamaanuu keessatti jechuunis dhagna keenya keessa jiraannees yookiis isa irraa yoo fagaannes
gooftaa gammachiisuuf in dhimmina.
Kutaa dubbisaa isa lammataa (Rom 14:10) keessatti immoo jechootni “nuti”, “obboleessa”
jedhan kutaan dubbisaa kun amantootaaf qofa ta’uu isaa nu hubachiisa. Hafuurri qulqulluun
warra fayyanii fi warra hin fayyin matumaa akkasitti waliin hin rukutu.
Kutaan dubbisaa inni kanatti aanee jiru immoo akkaataa firdiin hojii amantootaa irratti
fardamu itti raawwatamu nutti argisiisa:
Isuma dur kaa’ame sana malee homtinuu hundee biraa kaa’uu hin danda’u; hundeen dur
kaa’ame sunis Yesuus Kristoos. Namni warqeedhaan, meetiidhaan, dhagaa gati
jabeessaan, yookiis, mukaan, citaadhaan, hoffaadhaanis hundicha irratti in ijaara. Hojiin
namaa adduma addaan maal akka ta’e, ibiddi qoree in mul’isa. Hojiin namicha isa irratti
ijaaree, utuu hin gubatin yoo hafe, namichi gatii (badhaasa) isaa in fudhata. Hojiin
namichaa yoo duraa gubate garuu inni gatii isaa in dhaba; haa ta’u iyyuu malee ofii isaatii
akka nama ibidda keessaa ba’etti in oola (1Qor 3:11 -15)
Kutaaleen dubbisaa armaan gaditti jiran immoo yeroo firdiin kun itti raawwatu nuuf ibsu.
Ilmi namaa ulfina abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin dhufuuf jira; yommuus adduma addaan akka hojii isatiitti gatii isaa in kennaaf (Mat 16:27)
“…ayyaana in argatta, isaan waan siif deebisan hin qaban; waaqayyo garuu du’aa ka’uu
qajeeltotaatti siif in deebisa” (Luq 14:13-14)
Kanafis yeroon utuu hin ga’in, gooftaan utuu hin dhufin isin hin faradinaa! Innoo waan
dukkana keessa dhokatee jiru ifatti in baasa; gaafas adduma addaan waaqayyo biraa
galata argachuuf jiru (1Qor 4:5)
Kunoo ani dafee nan dhufa, gatii isa ani adduma addaan akka hojii isatiitti namaaf kennus
fidee nan dhufa (Mul 22:12)
Kanaa achis gonfoon qajeelummaa anaaf kaa’amee jira; gooftichi abbaan firdii inni
qajeelaan guyyaa sanatti gonficha anaaf in kenna (2Xim 4:8)
Iddoo firdiin kun itti raawwatamu immoo (1Tas 4:16-17) ilaali, dabalataanis (Mat
25:24-30) dubbifadhu
4. Firdii saba waaqayyoo hin ta’in (kan lubbuu dhaan jiran) irratti faradamu
Namootni firdiin kun irratti faradamu, yeroo gooftaan keenya Yesuus Kristoos deebi’ee dhufu,
waggota gidiraa torban sana irraa hafanii lafa irra lubbuudhaan warra jiranidha. Isaan kun
kristoos Yesuusitti warra hin amaninidha.
Yeroo: yommuu Kristoos ulfinaan mul’atu (Mat 25:31-32, Mat 13:40-41)
Bakka: dacha Yoshaafaaxitti (biyya israa’eel keessa kan jirudha.)
Bu’aa: fayyuu namoota tokko tokkoo
: Baduu namoota tokko tokkoo ( Mat 25:46)
Firdiin yeroo sanatti warra lubbuudhaan lafa irra jiran kana irratti faradamu kun yeroo tokko
tokko firdii isa “teessoo adii isa guddaa” (Mul 20: 11) wajjin wal rukuta. Kanaafuu garaa
garummaa firdiiwwan kanaa gargar baasanii ilaaluun gaariidha: 
Yeroo firdiin kun raawwatamu qulqullootni kristoosii wajjin tokko ta’u, kan ta’uu isaatiins
firdiin kun isaan irratti kan raawwatu ta’uu hin danda’u (1Qor 6:2, fi Dan 7:22) walbira qabii
ilaali akkasumas (Yih 14, 15) ilaali. Firdiin warra lubbuudhaan jiran irratti faradamuu fi firdii
inni teessoo adii guddaa kan isaan wal fakkatan waan tokko qofaani innis abbaa firdii
(faradaa) dha
5. Firdii Du’oota hin fayyin irrattti faradamu
Yeroo: waggaa kuma sana booda guyyaa kaa’ame tokkotti (HoE 17:31, Mul 20:5, 7)
Bakka: teessoo adii isa guddaa duratti ( Mul 20:11)
Bu’aa: (Mul 20:15)
Jecha “guyyaa” jedhu isa (HoE 17:31 fi Rom 2:16) keessa jiruun namootni tokko tokko bitaa
itti galuu danda’a. “Guyyaa” jechuun safara yeroo dheera a ta’uu isaa kutaa macaafa qulqulluu
kanaa gaditti jiran ilaaluudhaan dubbicha hubachuun ni danda’ama (2Phe 3:8, 2Qor 6:2, Yoh
8:56. Yoh 5:25) keessatti “sa’atii” jedhamee kan ibsame hamma ammaatti waggoota 2000 ol
kan lakkoofsisedha. 

No comments

Contact form

Naamusa

4/list1/Naamusa

Search This Blog

raawwataman

block1/raawwataman

Cuupha Hafuura

video/Cuupha Hafuura

Kiristaanaa

block2/Kiristaanaa

About Us

Barumsaa macaafaqulqulluu barsiisu

Trending