Nature

4/sidebar/recent

Breaking News

Gaa’elaa fi Hiikkoo


                                


Gaa'elli fuudhuu fi heerumuuf kan gahan dhiiraa fi dubara tokko gidduutti akka sagalee Waaqayyooti waadaa raawwatamudha.tokko tokkon waada galuun walabumaa nama dhabsiisa jechuun waadaa yeroo gabaaba kan galan jiru.kunis yeroo murasaa qofa waliin jiraachuuf.lamaan isaanii keesaa tokko walitti dhufeenya yoo dide,akka adaan kutamu itti himame waada sanatti seenama
Bara giddu galeessatti gaa'elli maal fakkaata ture?
Kan wal fuudhan akka bara baraan adda gargar hin baanetti waadaa  galu.bara giddu galeessa keesaa abbootiin amantii turan waa'ee hiikkoo gonkumaa akka hin fudhatamne godhani barsiisa turan.

Akka hiikkoon babal'atuuf sababa kan ta'an:-
  • hir'ina qabeenyaa.
  • waadaa galaniif amanamoo ta;uu dhabuu.
  • mirga daangaa hin qabne.
  • saalquunnamtiin wal simuu dhabuu.   
Hiikoo fi Lammata Gaa'ela godhachuu
  1.Waldaa Kiristaanaa ishee jalqabaa keessatti ilaalcha abbootiin kiristaana qaban
     Akkaataa abbootii waldaa kiristaanaatti hiikkoon tasumaa waan hin yaadamne ture.
     Kiristaanota biratti gaa'ela haaraa ijaaruuf jecha hiikkoon godhamu baay'ee kan dhorkamedha.
     Hiriyaa gaa'elaa waliin erga wal kiikani booda deebisanii kan biraa fuudhuun yakka.kan biroo hafee       tokko yoo du'e illee deebisanii fuudhuu fi heerumuun abboottii waldaa kiristaanaa biratti akka     ejjaatti ilaalama.
2.Hiikkoo bara haaromsaa keessatti
 Gaa'elli qulqulluu akka ta'e in amanu garuu hiikkoonis yoo wanti rakkisanii hin jirre hin     barbaachisu,yoo wanti rakkisaan jiraate garuu hiikuun in dandaa'ama jedhu.Maartiin Luuter qaamni  miidhame gaa'ela dhaabbachuu danda'a yaada jedhu ni deggara ture.yeroo amma kana barsiisonni  macaafa qulqulluu waan baay'ee rakkisaan yoo mudate in dandaa'ama yadda jedhu qabu.
3.Hiikkoo jaaraa 20ffaa keessaa
Kan adda nu baasu du'a qofa jedu.hiikkoon tasuma kan hin yaadamnedha.
 c.Hiikkoo fi deebisanii gaa'ela dhaabbachuun macaafa qulqulluun yammuu ilaalamu
    Kakuu moofaa fi haaraan lamaanuu qaroominaan wal qabatee hiikkoo dhufe irratti gorsa kennan     qabu.hiikkoon bara keenya ammaa kana kan jalqabe osoo hin taane durii kaasee rakkoo turedha.rakkoo  kana hiikuuf barumsa keenya itti fufnee ilaalla.
Kakuu Moofaa
kutaalee kaakuu mofaa keessa tokko yoo fudhanne(Kes Deb 24:1-4).kutaan kan ibsu namni tokk dubartii tokko ergaa fuudhee booda yoo waan badaa ta'e irratti arge waraqaa hiikkoo kenneefii geggeessuu danda'a.erga abbaa manaa isa jalqabaa biraa haala kanaan baate,abbaa manaa kan biroos fuudhee akkasuma yoo geggeesse inni jalqabaa lamuu ishee hin deebisu.fuula waaqa keetti wanta jibisiisaadha.kutaa dubbisa kanaa irraa qabxiilee ilaaluu dandeenyu,jalqaba:hiikoon yeroo itti barbaachisu ibsu illee hiikkoo hin jajjabeessu.lammaaffaa:haala kanaan dubartii hiikamte deebisee fuudhuun waan badaadha.
Kakuu Maraa
Fakkeenya: (Mat 5:32) irratti  osoo sagaagaltuu yoo arge malee kan haadha manaa ishaa hiiku akka isheen ejjetu godha. jedha.haadhamanaa isaa hiikee kan biraa kan fuudhus in ejja. luqaas 16:5 fi Mat 5:32, Akkasumas Mat 19:3-9, 10:2-12 yoo ilaalle hiikkoo waan jajjabesuu fi eyyamu miti Phaawulos ammoo akkas jedha (1Qor 7:10-15) irratti “…. Haati manaa abbaa manaa ishee irraa yoo adda baate garuu osoo hin heerumin haa teessu, kanaach wal hin hiikin.” Kanaachis walitti araaramanii haa jiraatan jedha. Karaa biro ammaa niitiin abbaa manaa hin amane qabdus hin hiikni. Abbaan manaa niitii hin amanne qabus akkasuma. Hiikkoon waan nama gaddisiisu dha. Kunis fedha Waaqayyoo waan hin taaneef.Hiikkoon akka filannootti eenyuuf illee hin gorfamu. Waan jibbisiisaa waan ta’eef hin jajjabeeffamu. Garuu haalli rakkisaan yoo uumame eyyamamuu danda’a. Kanas ta’ee dirqama hundaa gochuun waan dursi kennamuuf dha
5.Walquunnqmtii salaa walfakkaatanii
 Gochi kun dhaloota kiristoos dura illee waan ture yemmuu ta’u, yeroo ammaa addunyaa mara waliin gahaa kan jiru dha
Halli kun akkamitti waldaa kiristaanaa seenuu danda'e?
Waldaan Piroteestanii fi Kaatoliki hanga bara 1950ti cimsanii balaalleffataa turaniiru. Bara 1950 -1970 waldaa Kiristaanaan alatti walquunnamtiin saala wal fakkaatu gidduutti odhamu eegumsa seeraa argachuuf barsiisonni dhimma hafuuraa itti yaadaa yemmuu uranii dha.Yerooma kanatti dhimma kana waldaaleen simatan mul’achuu eegalan. Gochi kun sirrii miti jedhanii mormaa kan turan waldooleen turaniiru.Waldaan Kiristaanaa akkamitti suuta suuta fudhachuu akka dandeesse:
1.Dhimmichi mariif dhi'aate
Marii fi falmiin kun dhimmicha gulantaa tokko olkaase.Sababni isaa ejjaan, dirqiin gudeeduun, hatuu fi kanneen kana fakkataan cubbuu ta’uu fi dhiisuu isaanii wal mormiif hin dhi’aatan.
2.Cubbuu jibbi,cubbamaa jaalla dha yaada jedu irraa ka'uun kana kan raawwatanis ijoollemaa waaqayyoto gara jedhutti dhufe.
3. Haalli akkasii kun jaallatanii waan raawwatan miti, kanaaf cubbuu miti gara jedhutti dhufame
4. Kanalees namoota biroo miidhuu hin danda’u akka amala isa kaanii yaadni jedhus ka’eera
5. Dhuma irraths namni tokko haala seera qabeessa ta’een jireenya saal quunnamitii saal
waltefakkii raawwachuu akka danda’u waldaan toora haa qabsiistu kan jedhutti dhufan
b.Ka'umsa walquunnamtii saalaa walfakkii gidduuttii
Hanga yoonaatti beektonni qorannoo gochuun ka’umsa dhimma kanaa bira gahuuf yoo carraaqan illee maal irraa akka dhufe beekuu hin dandeenye Karaa biraan ammoo yaadoleen beektota irraa dhufan tokko tokko jiru
Uumama/genetism
Yeroo dhii’oo asitti qorattoonni tokko tokko, uumama sammuunii fi hoormoonii wajjin kan walqabate dha jechaa jiru.Kanaaf namni tokko fedhee walquunnamtii saal walfakaatu gidduutti hin raawwatu,
uumamatu dirqisiisu malee jedhu.Haa ta’u malee yeroo dhiyoo kanatti qorannoon yunii versatic kolombiyaa keessattigodhame akka ibsutti yaadni kun odeeffannoo gahaa ta’een akka hin deggerame lafa kaa’e.
2.Ijaarasa hawwasaa haala sirrii hin taane 
Yaadni kun ammoo uumamaan yaada jedhu kan faallessu yemmuu ta’u, waa’een walquunnamtii saalaa namootni hawwasa keessa jiraatan irraa kan baran dha jedhu. Karaa biraatiin haalli saal quunnamtii nama dhuunfaa kan murtaa’u haala hawwasa isaan jedhu . Haala kanaan namni tokko walquunnamtii saala walfakkaatuus ta’e isa sirrii kan hordofu haala hawwaasni isaa raawwatuunii fi fudhatuun ta’a jechuu dha.Ta’u illee yaadni kun gaaffilee baay’eef deebii waan hin laanneef baay’een amananii hin fudhanne .
3.Rakkoolee yeroo ijoolummaatti quunnaman irrii
Ilaalchi kun qorannoo dhimma sammuu daa’immaniin wal qabsiisee kan dhi’eessu
dha. Kunis ijoollummaan dhimma akkanaa keessa yoo darban akka itti fufan.
4.Haala naannoo
5.Filannoo nama dhuunfaa
Yaadni kun namni dhuunfaa tokko fedhee filatee waan raawwatu malee wanti alaa isa
dirqisiisu tokko illee hin jiru yaada jedhu qaba.Karaa biroon ammoo filaannoo dhabuun (Fakkeenyaaf mana hidhaa keessatti, mana barumsaa buluun baratan keessatti, fi aadaa tokko tokko /irraa kan ka’e ta’uus danda’a jedhu.
6,Dangaa dhabuu jireenyaa
Walumaa galatti kanneen armaan olii hundi, baay’inaan wal quunnamtii saala wal
fakkaatuu cubbuu akka hin taanee fi namni kana raawwatus akka hin gaafatamnetti jajjabeessu.
Karaa kamiyyuu garuu haalli kun cubbuu dha ka’umsi isaas yaada boora’ee fi daangaa malee walquunnamtii saalaa fedhuu dha, Macaafa qulqulluu irraa kan hubannu.Karaa kamiyyuu garuu haalli kun cubbuu dha ka’umsi isaas yaada boora’ee fi daangaa malee walquunnamtii saalaa fedhuu dha, Macaafa qulqulluu irraa kan hubannu.
c. Walquunnamtii saalaa saala wal fakkaatu gidduutti ta’u macaafa qulqulluun yemmuu
madaalamu :-
oMacaafni qulqulluun waa’ee gaa’elaa, saal quunnamtii fi hiikkoo xiyyeeffannoon ibsa.
oKanaafuu Macaafni qulqulluun waa’ee walquunamtii saalaa saala wal fakkaatu gidduutti
ta’u ijoo kan ta’an haa ilaallu.
i.Waan hundaa dura haala uumamaa haa ilaallu (Uum 1:27) fi Uum 2 irratti kan
caqafame yoo ilaalle waa’ee saala faallaa gaa’elaan waliin jiraachuu ifatti argina.
ii.Waaqayyo yemmuu seera gaa’elaa dhaabbatti dhiira tokkoo fi dubara tokko qofa akka
ta’u dha. Kanaafuu saalli walfakkaatu lama gaa’ela gochuufis ta’e wal quunnamtii
saalaa raawwachuuf wanti deggeru hin jiru
iii.Walquunnamtiin saal walfakkii kanneen badaa fi cubbuu ta’anii wajjin lakkaa’ameera
(1Qor 6:9, 1Xim 1:10)
Iv. Kakuu moofaa keessatti Uum 18:16 – 19:29, Firdi 19 fi leewwota 18:22, 20:13 irratti dhimmi
kun bal’inaan ibsameera Kakuu Haaraa keessatti Rom 1 lakkoofsota dhuma irratti argaman irratti
dhimma kana ibsamee arganna. 
6. Ulfa Baasuu
Ulfaa baasuun maali?
Jechaa gabaabaan mucaa osoo hin da’in of irraa buusuu dha, kunis dhibeedhaan ykn
haala uumama biroon ta’uu danda’a.Waggoota kudhan dura ulfa baasuun sababa tokko qofaaf raawwatamaa ture. Sunis yeroo ulfaatti rakko cimaan yoo dubartittii irra gahe lubbuu ishee ham bisuuf. Booda garuu dhalachuuf guyyaan tokko kan hafeef illee akka qo’annoon kaa’uutti osoo yeroon hin
gahin yoo baasan ulfa baasuutti lakkaa’ameera .Akkaataa Meeshaaleen baraa lafa kaa’anitti garaa keessatti nama kan jedhamu ji’a sadii booda.Eegaan naamusaan kan wal qabate ulfa baasuun yeroo ammaa mirga dubartii /haadhaa ta’aa dhufeera.Lubbuu wanti jedhame hundi kan Waaqayyoo malee kan nama dhuunfaa miti. Kanaaf mirga ishee mucaa garaa tti baattuutti jedhame mucaa lubbuu dhabamsiisuun cubbuu dha.Dubartiin dirqisii famtee gudeeddamte yoo taate akkuma beekamu ija laafiraa fi hawaasa keessatti qaaniin itti dhufuu danda’a. Haa ta’u malee ulfa baasuun eenyuufi llee cubbuu dha.Ulfa baasuuf cubbuu qofa osoo hin taane yakkas . 
c.Maacafni qulqulluun waa'ee ulfa baasuu maal jedha?
Keessa namummaa koo situ uume, gadameessa haadha koo keessatti situ na tolche, isa ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata siif nan galcha, gochaan kee waanuma raajiiti, anis kana ba’eessa godhee nan beeka … Nama ta’uun koo utuu hin beekamin iji kee na arge …” (Far 139: 13-16) “Kanaan booddee utuu hin turin maariyaam kaatee ariifattee baddaatti ol baatee, gara mandara yihuudaa dhaqxe. Mana Zakaariyaasitti olgaltee, Elsaabexin nagaa gaaffate, yeroo Elsaabex nagaa Maariyaam dhageessetti, mucichi gammachuu dhaan in guutame.” (Luq 1:39-42). Kanaafuu haala Kamiin illee ulfa baasuun sirrii miti sababin isaas ulfa garaa haadhaa keessatti kan uume Waaqayyo dha. Waaqayyos akka nama guutuu ta’etti lakkaa’era; beekas.
 

No comments

Contact form

Naamusa

4/list1/Naamusa

Search This Blog

raawwataman

block1/raawwataman

Cuupha Hafuura

video/Cuupha Hafuura

Kiristaanaa

block2/Kiristaanaa

About Us

Barumsaa macaafaqulqulluu barsiisu

Trending