Nature

4/sidebar/recent

Breaking News

Akkaataa Naamusni Kiristaanaa itti raawwatamu

                          


Waa’ee raawwii naamusa Kiristaanummaa kana  yammuu dubbannu ilaalcha garaa garaatu jiru. Barsiis garaa garaas jiraachuu danda’a. haa ta’u malee ilaalichi kamiyyuu sagalee waaqayyoo busheessuu hin danda’u. akkasumas macaafa qulqulluun kan wal mormu ta’uus hin qabu. kutaa kana keessatti gaaffii naamusaa kan kaasan keessaa muraasa ilaalluu yaalla.
1.Duroominaa fi hiyyummaa
Bara kana barumsi baay’ee barbaachisaa dhaa fi kennamuu qabu yoo jiraate waa’ee duroominaa fi
hiyyummaa irratti kennamuu kan qabu. Yesuus dhimma kana irratti irra deddeebi’ee barsiiseera.kun wanta inni agarsiisu yeroo sanatti mata duree cimaa ture jechuu dha. maalif? baroota baay’ee keessatti qabeenyi (durrominaa fi hiyyummaan) ilaalchisee ilaalcha garaa garaatu ture.kanneen kana ammoo, kanneen wal faallesanis ta’e, kan wal siman, erga ilaallee booda akkataa macaafa qulqulluutti gara ta’etti ammoo ceena.
a.Ilaalcha warra noositisim waa'ee duroominaa irratti
Jalqabumaa kaasanii qabeenyis ta’e kanneen biro akka waan faalamaniitti waan ilaalaniif,qabeenya lafa irraa horachuuf kan dhama’an waa’ee kan hin baasne jedhanii fudhatu.Kanaa wajjin wal qabuun ilaaluun kan dandaa’amu Eesitiisiimi dha. Ilaalchi kun daangaa kan darbee qabeenyas ta’e meeshaa mul’atu irraa fagaachuuf hiyyummaa kan fo’ate dha.Hawaasin jaalala qarshiif qaban mormuuf, gocha mormii isaanii kana ammoo ifatti kan
     mul’isanii dha. Kanaan booda namni hundinuu cimee hojjechuu qaban gareen jedhu
     ammoo uumame. Gareen amantii kun ammoo Piiwuriitaansi jedhamuun kan
     beekamanii dha. Sun xuraawwadha kun qulqulluu dha wanti jedhamu hin jiru.
     Waaqayyoon kabajuuf hojiitti jabaachuun illee waan tokko jedhu.
b.Qabeenyi burqaa gammachuuti
  Qabeenyi burqaa Gammachuuti” yaadni jedhu jireenya dhugaa fi qabeenya irraa kallaattii faallaa irra kan jiru dha. Ilaalcha kana kan geggeessan bal’isaan iddoo biroon gahaniiru.Falaasamni isaanii lubbuun gammaddee kan jiraatu yoo qabeenya gahaa tahe qabaatte dha kan jedhu dha.Ilaalcha kana kan hordofan qarshii gahaa ta’e argachuun jireenya gammachuun guute geggeessuuf wanti isaan hin hojjenne hin jiru. Kana gochuuf is rakkoo keessa kan seenan baay’ee dha.
c.Abbaa qabeenyaa ta'uun ofiisaan rakkoo qabaa?
  Yoo ilaalame qabeenyi qofaa isaatti rakkoo tokko illee hin qabu .Qabeenya hangam illee haa qabaannuu rakkoo hin qabu.Qabeenya gaariis badaas kan godhu ilaalcha nuti qabeenyichaaf qabnu dha.
   Waaqayyoon kan ittiin kabajuunuu fi hiyyeesota kan ittiin gargaaru ta’uu qaba. (fak 23:4)


d. Kennuu
 oMacaafni Qulqulluun bakka waa’ee qabeenyaa dubbatu hundaatti waa’ee kennuus in
    dubbata .
 oKennuun waan qarshiin raawwannu keessaa isa caalu dha. Qarshiin kan uumames
     tajaajila kanaaf. Qarshiin nurra irratti akka hin moone, garba akka nu hin godhanne
    karaa inni guddaan kennuun
 oHarka keenya qarshiin galu marti warra rakkatan akka gargaarruufi waaqayyoon akka
  galateeffamuuf.
Akkaataa itti kennuun ta’u
  1. Kennaa akkasumanii jennee laachuu qabna (Mar 12:41-44) 
  2.Yoo sababa qabaannetti wantoota garaa garaa illee kennuu yeroo itti qabnu in jiraata
  3.Dhaabbata tokkoofi hojii isaaniif namoota galanni ta’uufiif maluuf illee kennuun
     barbaachisaa dha
Haala kanaan qabeenyi keenya osoo nu hin bitin, garba isaas osoo nu hin godhatin Waaqayyoof
galata galchaa namoota biros gargaaruu kan dandeenyu 
2.2. Naamusa Hojii Kiristaanummaa
  oAmantoota gidduutti hojii gara namootaatti kan dhufe ilaalchisee yaadaan gargar
        bahuun jira. Tokko tokko hojiin gara dhala namaa kan dhufe ‘kufaatiin dura’ yemmuu
        jedhan kaan ammoo hojiin bu’aa kufaatii ti’ jedhu
  oTa’us hojiin bu’aa kufaatiiti, kufaatiin booda dhufe yaadni jedhu fudhatama akka hin
        qabne dha (Um 2:8-28)
  oAadaa hojii nuti qabnu akka hojii hin jaallannee fi hiyyeesota nu godheera. Kanneen
       keessaa muraasni
1.Hojii fiixaan ba’iinsaa fi maqaan wal qabsiisuu .
2.Waan itti hin dhamaanne Waaqayyo nuuf kenna jechuun yaaduu; akka yaalletti yoo hin
taane carraa koo guyyaa afurtamaa ti jechuu .
3.Hojii kan hojjennu jiraachuu qofaaf yaadni jedhu sammuu namootaa keessa taa’uu.
Yaada kanaan yoo jiraanne hojii sirrii hojjechuu hin dandeenyu.
Maalif hojii hojjennaa?
1.Waaqayyoon kabajuuf: Hajii hojjennu kamiillee Waaqayyoon kabajuu qabna
2.Bifa Waaqayyoon uumamuu keenya kan calaqqisiisu dha. Hojjechuuf uumamne
3.Waan nu barbaachisan guuttachuuf
    -Hojii wanti hojjennuu kanneen ijoo armaan olii guuttachuuf. Hundinuu sadarkaa wal
     qixaan barbaachisoo dha. 
    -Nuuf haa kaffalamu haa dhiisuus, wanti kaffalamu quubsaa ta’us ta’uu baatus
      hojjeechuutu nurraa eegama. Hojii kabajuun bu’aa namootaaf illee hojjechuu qabna
      waan hojjennu keessatti illee qulqullummaa agarsiisuu dandeenya.
    -Hojiin hundinuu gara cubbuu kan hin geessinee fi cubbuu kan hin taane, kan
    kabajamanii fi sadarkaa walqixaan Waaqayyoon duratti fudhatama kan qaban dha. 
3. Gubboo nyaachuu fi kennuu
Gochi akkas naamusa badaa dha. Murtii sirriin dhabamuus agarsiisa keessattuu yeroo qaroomina
si’anaa keessatti baay’ee rakkisaa dha. “Yeroo muudametti kan hin nyaanne gaafa buufamu
gaabba,” haalaan dubbiin jedhu illee jira.
Gaheen waldaa kiristaanaa maal ta’uu qaba?
Waldaan Kiristaanaa akkuma lammiitti qaama hawaasichaati. Kanaafuu waan sirrii hin taane
uummaticha keessatti mul’atu ifatti baasuu keessaa qooda qabaachuu qabdi. Ana hin ilaallatu
jechuu hin qabdu. Akkasumas keessa ishee qulqulleessuu qabdi wantoota xixiqqoo fi gatii
guddaa hin qabneen fira ofii wandaa kiristaanaa keessatti adda baasanii gargaaruun dhaabbachuu
qaba. Sagaleen Waaqayyoo maalaan maltummaa in jibba. 

No comments

Contact form

Naamusa

4/list1/Naamusa

Search This Blog

raawwataman

block1/raawwataman

Cuupha Hafuura

video/Cuupha Hafuura

Kiristaanaa

block2/Kiristaanaa

About Us

Barumsaa macaafaqulqulluu barsiisu

Trending