Nature

4/sidebar/recent

Breaking News

Gootota Wangeelaa!!

 Gootota Wangeelaa

========================
==========================
Maria Woodworth Etter jedhamti. Bara 1844 biyya Amerikaa(USA) kutaa Lisbon, Ohio keessatti dhalatte. Waggaa 13ffaa isheetti gooftaatti amante. Tajaajilaan akka isheen gara gooftaa dhuftuuf sababa ta'e tokko " Jireenyi kee akka ifa balaqqeessa'uu" haa ta'u jedhee kadhateef. Akkuma Kiristoositti amanteen waamichi wangeelaa lallabuu ishee qaqqabe.





Gooftaa Yesus Kiristoos isheetti dubbachuu isaa
=========================
Anis sagalee gooftaa yeroo ana waamu nan dhaga'e. Sagalichis " Gara daandii bal'atti ba'iitii hoolota koo karaarraa badan walitti naaf qabi " kan jedhu ture jetti Marian. Garuu wanti tokko danqaa isheetti ta'e. Bara sana keessa dubartonni akka wangeela lallabaniif hin heyyamamuuf. Kanaafuu waamicha ishee galmaan ga'uuf nama wangeela lallabutti(missionary) heerumuu akka qabdu murteessite. Ta'us abbaan ishee jalaa du'e. Carraan maatii gargaaruu isheerratti kufe. Waanti hundinuu akka yaadduuf ta'uu hin dandeenye. Tajaajilaa osoo hin taane looltuu(soldier) tokkottis heerumtee ijoollee 6 godhatte. Hojiin isaan hojjetanis hundinuu dafqaa duwwaa[kasaraa] ta'e. Waanti baay'ee nama gaddisiisuu garuu dhukkubarraan kan ka'e ijoolleen ishee 5 jalaa du'an. Manni ishees mana gaddaa ta'e. Laphee cabinsi guddaanis isaanitti dhufe. Garuu Waaqayyorratti hamaa hin dubbanne. Of jajjabeessuu yaalte; Sagalee Waaqayyoos dubbisuu eegalte.
Macaafa raajicha Yo'el dubbisuu ishee
===========================
" bara sanatti, ani hojjetoota koo warra dhiirotaa fi warra dubartootaa irratti iyyuu hafuura koo nan dhangalaasa." (Yoe 2: 29) kan jedhu dubbiste. Kana gaafa argitu ijashee gara waaqatti ol kaastee " Gooftaa, ani nama wangeela lallabuu danda'u miti. Maal jedhanii akka lallabaniis hin beeku. Barnootas nama barate miti" jette kadhatte.

No comments

Contact form

Naamusa

4/list1/Naamusa

Search This Blog

raawwataman

block1/raawwataman

Cuupha Hafuura

video/Cuupha Hafuura

Kiristaanaa

block2/Kiristaanaa

About Us

Barumsaa macaafaqulqulluu barsiisu

Trending