Nature

4/sidebar/recent

Breaking News

Macaafa Qulqulluu Haala Salphaan Hubachuu

 

                                   Macaafa Qulqulluu Haala Salphaan Hubachuu



Ergaawwan dubbisoota Macaafa Qulqulluu yaadota keessa isaanii jiranis hubachuudhaaf baay’ee
baay’ee ulfaatu jedhanii kan yaadan namootni baay’een akka jiran beekamaa dha. Yaadni isaanii
kun immoo kutaa dubbisoota Macaafa Qulqulluu dubbisanii hubachuun baay’ee salphaa akka
ta’e dubbatu wajjin baay’ee kan wal dhiitu ta’ee argama.
Maartiin Luuter dhuunfaa keenyaan Macaafa Qulqulluu dubbisnee hubachuu akka dandeenyu
ergamoota warra gurguddoo Pheexiroos, Yohaannis fi Phaawuloos booddee hamma yeroo ifatti
dubbateetti namootni amantaa (religion) tokko tokko Macaafa Qulqulluu akka hin dubbifne kan
sodaachisan yoo itti cimes adabbii salphaa hanga du’aatti kan adabsiisan akka ture seenaan
Waldaa Kiristiyaanaa bara giddu-galeessaa ragaa dha. Kunis sabichi Macaafa Qulqulluu irra
kadhata toshitootaa fi seenaa dhalootaa namootni amantaa (religion) beekumsa malee
barreessanii kaa’an dubbisaa akka turan taasifamee ture. Kanaafuu Waldaan Kiristiyaanaa yeroo
Macaafa Qulqulluu irraa fagaattetti yeroo sanatti barri ture “Bara dukkanaa guddaa Waldaa
Kiristiyaanaa”jedhamuun isaa in mala ture.
Erga namootni Macaafa Qulqulluu harka isaaniirratti argachuu fi dubbisuu jalqabanii jalqabee
ifni beekumsa Wangeelaa guddaan sadarkaa guutummaa addunyaatti babal’achuu isaa dhugaa
eenyuyyuu haaluu hin dandeenye akka ta’e raawwateera. Ta’us, Macaafa Qulqulluu haala ta’uun
(qajeeltootti) kan qoqqoodan, qabiyyee fi gosa isaan beekuun Macaafichi jechuu kan barbaade
sirriitti hubachuu fi hubachiisuuf murteessaa yommuu ta’u itti fufnee mata-dureen qo’annus
Macaafa Qulqulluu haala salphaan akka hubannuu fi yeroo barsiifnu, yeroo lallabnu, yeroo
faarfannu sagalichatti yommuu jiraannu bifa Macaafichi jechuu barbaadeen akka goonu nu
gargaara.

4. 2. Macaafa Qulqulluu Haala Qajeeltoon /Sirriin/ Hubachuu fi Mul’isuu
“Atis dubbii dhugaa sana sirriitti qabachuudhaan hojjataa qoratamee fudhatame kan waan isa
qaanessu hin qabne ta'iitii fuula Waaqaa duratti of dhiyeessuuf tattaafadhu”(2Xim 2:15).
Jecha “Sirrii ykn qajeeltoo” jedhu kana namni afaan Gi’iiziif keessummaa ta’e
garraamummaa, gaarummaa, ba’eessummaa” jedhee hiikuu in danda’a. Garuu, ergaa 
Ximootewoos irratti kan barreeffame “Sirrii ykn qajeeltoo”n qabiyyee Gi’iizii kan qabu yommuu
ta’u hiikkaan isaas “Sirrii, ta’uu kan qabu, sorooroo, haala dhugaa” akka jechuuti. Hiikkaawwan
garaa garaa ilaali.
“Dhoksaa sagalee Waaqayyoo beekuu fi sirriitti barsiisuu” (Sagalee Jiraataa/Hiyaaw Qaal/)
Accuralety handling the word of truth” NASB
Haala ta’uun sirriitti ergaan dubbisichaa osoo hin jal’atiin hubachuu, qabachuu, dhiyeessuu
agarsiisa
Cutting in a straight line the word of truth” JN.DARBY
Osoo hin dogoggorsiin haala ta’uun qoqqooduudhaan hubachuu, dhiyeessuu agarsiisa
Rightly dividing the word of truth” KJV
Haala ta’uun addaan hiraa hubachuu, ibsuu agarsiisa .
      
4. 3. Waa’ee Macaafa Qulqulluu Ijoowwan Barbaachisoo
Baay’ina Macaafota Macaafa Qulqulluu -----------------------------------------------------------------66
Baay’ina Boqonnaawwanii -----------------------------------------------------------------------------1,189
Baay’ina Lakkoofsota waliigalaa --------------------------------------------------------------------31,102
Sagaleewwan Abdii -------------------------------------------------------------------------------------1,260
Abboommiiwwan garaa garaa ---------------------------------------------------------------------- 6,468
Maqaa namaa isa dheeraa -------------------------------------------------------------- Isa 8:3 (qubee 27)
Lakkoofsa isa dheeraa --------------------------------------------------------------------------------As 8:9
Lakkoofsa isa gabaabaa --------------------------------------------------------------------------Yoh 11:35
Macaafa boqonnaa hedduu qabu --------------------------------------------------------------- Faarfannaa
Macaafa isa xiqqaa ------------------------------------------------------------------------ Yohaannis 3ffaa
Boqonnaa isa dheeraa ----------------------------------------------------------------- Far 119 (Lakk. 176)
Macaafota Boqonnaa tokko qofa qaban --------------------------Oba, File, 2ffaa fi 3ffaa Yoh, Yihudaa
Macaafota maqaan Waaqayyoo kan keessa hin jirre ------------------------ Asteerii fi W/weeddotaa
Yesuus Kiristoos caqasoota Macaafota Kakuu Moofaa 22 ol fudhachuudhaan barsiiseera
Wangeela Maatewoos keessatti si’a 19, Maarqos keessatti si’a 15, Luqaas keessatti si’a
       25, Yohaannis keessatti si’a 11 Kakuu Moofaa caqaseera. Caqasoota kana keessaa garuu,
     caqasa tokko illee macaafota sobaa keessaa akka hin caqasne qalbeeffadhu.
Macaafni Ibirootaa fakkeenyawwanii fi ibsituuwwan/Comentary/ gosa 85 ni fayyadama.
Macaafni Mul’ataa fakkeenyota (figures) 245 fayyadameera. 
            4. 4. Hamma Safartuuwwanii fi Meeshaalee safaraa
    Baadoos = Liitirii 22                                                  Taaj = Litirii 0.3
    Qoroos = Litirii 220                                                    Minaan = Giraamii 0.6
    Dhundhuma = Seentimeetira 45                                 Goomer = Litirii 2
    Diinaar = Gatii hojii guyyaa tokkoo                            Safartuu = Litirii 7.3
    Daariik = Giraama 8.5                                                 Sheeqil = Giraamii 11
    Iif = Litirii 22                                                               Taakkuu = Seentimeetirii 22
    Aboolii = Giraamii 0.6                                                 Deemsa guyyaa Sanbataa = Meetirii 185
    Gaat = 7.5                                                                      Laant = Kiiloogiraamii 34
    Iin = Litirii 3.5 
          4. 5. Hiikaa fi Fakkeenya Fakkeettiiwwanii
Kaayyoo guddaan Macaafa Qulqulluu yaada Hafuuraa isa guddaa ta’e ilmaan namootaaf
mul’isuu dha. Haata’u malee, namootni ergaa tokko hubachuuf daandii isaan danda’an keessaa
tokko yaadicha karaa bifa fakkiitiin mul’isuu dha. Kana irraa kan ka’es, Macaafni Qulqulluu
fakkeettiidhaan (figurative language) fayyadamuudhaan addunyaa kana irraa macaafa dursaa
tokkicha ta’uu danda’eera. Namni Macaafa Qulqulluu xiyyeeffannaadhaan qo’atu wantoota
fakkeenyawwan fakkeettiin kun mul’isuu barbaadan hubachuudhaan hiika jecha jechaanii
(Literal meaning) irra hiika ergaa isaanii beekuun isa irra jira. 
        4. 6. Qajeelfamoota Qo’annaa Macaafa Qulqulluu
Namni Macaafa Qulqulluu qo’achuu barbaadu hundi qajeelfamoota waliigalaa armaan gadii
jabeessee beekuun isa barbaachisa. Kaayyoon Macaafa Qulqulluu inni guddaan fedhii
dubbisaa guutuu osoo hin ta’iin dhugaa fi daandii Waaqayyoo qofaa agarsiisuu akka ta’e
beekuu;
Macaafa Qulqulluu baay’ee baay’ee kabajuu fi sagalee isaafis garraamomuu si barbaachisa.
Beekumsi ykn hubannoon ofii keenyaa ifummaa sagalee Macaafichaatiin safaramuu malee
sagalee isaa hubannoo mataa keenyaan safaruun hin ta’u.
Macaaficha akka barreeffametti dubbisuu dha malee balleessaa keenyaaf micciiruun, isa
barreeffame gararraa ba’uun ykn sagalee isaa mariif dhiyeessuun fi kkf murtii Waaqayyoof
akka nama taasisu beekuun ni barbaachisa.
Gargaarsa Hafuura Qulqulluutiin malee Macaafa Qulqulluu hiikuun waan hin danda’amneef
dubbisaan Gooftaa Yesuusiin akka fayyisaa dhuunfaa isaatti fudhachuudhaan Hafuura
Qulqulluu fudhachuu/argachuu/ qaba
Sagalicha erga qo’atanii booddee jireenya ofii guyyaa guyyaa irratti gochaan agarsiisuu fi
shaakaluun ni barbaachisa.
    4. 7. Tooftaalee Garaa Garaa Qo’annaa Macaafa Qulqulluu
A. Macaafa Qulqulluu Dubbisuu: Dubbisa Macaafichaa muraasa dubbisuu ykn boqonnaa
ykn Macaafa tokko filanii dubbisuu (Mul 1:3); tooftaa dubbisa kanaa osoo addaan hin kutiin
yeroo hundumaa yaada tasgabbii fi amantiidhaan akkasumas Hafuura Qulqulluu fi
ajajamuudhaan ta’uu qaba (Far 1:3).
B. Mata-duree irratti Xiyyeeffachuun Qo’achuu (Topical Method): Macaafa Qulqulluu
keessaa beekuu kan barbaaddu waa’ee waan tokkoo ykn mata-duree filachuudhaan mata
duree sana qofaa irratti xiyyeeffannoo gochuudhaan sakatta’a waliigalaa gochuu dha.
Fakkeenyaaf: Waa’ee “Kadhataa” beekuu yoo barbaadde Kakuu Moofaa keessas Kakuu
Haaraa keessa waa’ee kadhataa kan barreeffaman qo’achuudhaan beekumsa waliigalaa
argachuu danda’uu dha.
C. Ibsa Amaloota Isaa/ገፀ-ባህሪይ/ Qo’achuu (the Biographical Method): Tooftaan
qo’annaa kun immoo waa’ee amaloota ykn eenyummaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu
tokkoo beekuudhaaf seenaa waa’ee isaa /ishee barreeffame irratti qo’annoo gaggeessuu dha.
D. Qabiyyee fi Seenaa Macaafa Tokkoo Qo’achuu: Macaafota 66 Macaafa Qulqulluu
keessatti argaman keessaa Macaafa tokko filachuudhaan waa’ee haala macaafichaa ragaa
waliigalaa argachuu dha.
Fakkeenyaaf:
Barreessaan ergaa Macaafa Galaatiyaa eenyuu?
Eenyufaaf barreeffamee?
Haala akkamii keessa turanii?
Maaliif isaaniif barreeffamee?
Kaayyoowwan guddaa fi xiqqaan itti barreeffameef maalii?
Macaaficha irraa barsiifni guddaa argamu maalii?
E. Macaafa Qulqulluu Dhaga’uu: Yeroo namootni kaan Macaafa Qulqulluu dubbisa dhaga’uu.
Fakkeenyaaf: Yeroo dubbisaatti, Raadiyoodhaan, Kaasettoota waraabamaniin fi kkf (Rom
10:17)
F. Gadi-fageenyaan Macaafa Qulqulluu Qo’achuu: Kutaawwan Macaafa Qulqulluu gadi
fageenyaan sakatta’uudhaan hiika isaanii ykn ergaa isaanii argachuudhaaf yaaluu dha (HoE
17:11) tooftaan kunis wantoota sadii of keessaatti kan qabate dha.
A. Ilaaluu (Observation): Wantoota ijoo dubbisicha keessa jiran adda baasuu
Irra caalaatti ol jedhee kan mul’atu eenyuu? WHO?
Gochi ijoon inni barreeffame maalii? WHAT?
Gochichi kan raawwatame hojii isa kamiini dha? WHICH?
Gochichi yoom raawwatee? WHEN?
Gochichi maaliif raawwatee? WHY?
Yaadoleen dubbisicha (Passage) keessa jiran akkamitti wal qabatuu? HOW?
B. Hiika (Interpritation): Ergaan waliigala dubbisichaa maalinnii?
C. Gocha (Application): Ergaa dubbisicha keessa jiru erga argattee booddee jireenya kee ykn
keenya yeroo hundumaa /guyyaa guyyaan/ irratti akka raawwatamu gochuu fi shaakaluu.
Fakkeenyaaf:
Gaaffiiwwan
armaan gadii kaasuudhaan gochaan mul’isuun
guddifachuun/cimsachuun/ in danda’ama.
Waa’ee Waaqayyoo, waa’ee Yesuus, waa’ee Hafuura Qulqulluu maalan baradhee?
Fakkenya gaarii shaakaluun qabu dubbisicha keessaa kanan argadhee fi shaakala gadhee
dhabamsiisuun qabu maalii?
Ittigaafatamummaan dubbisicha keessaa argadhee Waaqayyoo fi nama duratti natti kenname
maalii?
Shaakala kiristiyaanummaa ani qabu keessaa kan ulfaatuu fi cina gaarii ani qabu isa kamii?
Dubbisa keessatti sagaleen abdii naaf kenname maalii?
G. Luqqisoota (Caqasoota) Qo’achuu (Memorization): Luqqisoota hamma sammuutti
qabannuu fi hamma dubbannutti irra deddeebi’anii qo’achuu.
H. Xiyyeeffannoodhaan Qo’achuu Macaafa Qulqulluu (Meditation): Yommuu dubbifnu,
yommuu qo’annuu fi kkf ergaawwan arganne irratti callisaan irra deddeebi’anii yaaduu fi
sagalicha wal fudhachiisuu (Far 1:2, Isa 1:8)
Yaadannoo: Namni Macaafa Qulqulluu qo’achuu barbaadu hamma danda’ametti kitaabota
qo’annaadhaaf ragaa ta’an qopheessuun isa irraa eegama.
Fakkeenyaaf: Macaafa Qulqulluu hiikkaa adda addaa, hiikaa jechoota Macaafa Qulqulluu,
ibsituuwwan (Commentaries) fi kkf.

No comments

Contact form

Naamusa

4/list1/Naamusa

Search This Blog

raawwataman

block1/raawwataman

Cuupha Hafuura

video/Cuupha Hafuura

Kiristaanaa

block2/Kiristaanaa

About Us

Barumsaa macaafaqulqulluu barsiisu

Trending