Nature

4/sidebar/recent

Breaking News

Burqaa Aboofi Naamusa Dagatame

                                                  Burqaa Aboofi Naamusa Dagatame


 Namusa madaaluuf wantoota baay’ee ilaallamu qaba. Amma ammoo madaalli sirrii
irratti maal akka fakkaatan ilaalla.
a. Sagalee Waaqayyoo (Macaafa Qulqulluu)
  o Macaafni qulqulluun akkaataa namoonni yaadan miti. Namoonni tokko tokko sammuu
         dhala namaa keessa kan burqe dha jedhu. Garuu macaafni qulqulluun sagalee humna
        qabu qajeelafama jireenyaati malee akka isaan jedhan miti.
 o Macaafni qulqulluun qabiyyee isaatiin adda kan ta’e, barri kan hin fooyyesine,
       dorgommii kan hin qabne faayidaa bal’aa kan qabu, amanamaa dha (2Xim 3:16-17)
 o Macaafni kun giddu galeessa godhee kan dhi’eessu Yesuus Kiristoosiin. Hordofamuu kan
       qabus fakkeenyummaa Yesuus Kiristoos. Innis naamusa sirrii fi qajeelaa dha.
 o Kanaafuu murtee qajeelaa argachuu burqaan aboo hundi sagalee Waaqayyoo ti. Kanneen
       biroos burqaan isaanii maal akka ta’e kan ittiin sakkataa’aman sagalee waaqayyoon.
  Macaafa Qulqulluu akka burqaa abootti fudhachuun wal qabatee haala inni ittiin
      hiikamuu qabu ilaaluunis gaarii dha. Macaafni qulqulluun haala sirrii ta’een hiikamuu
      qaba.
Sababni isaasi jaarraa 1ffaa fi jaarraa 2ffaa gidduu haalonni jiran:
      -Aadaa jireenyaa
     -Haala namni itti yaaduu fi aboo yeroo sanaa
    -Keessa isaatti haala jijjiirama siyaasaafi diinagdee 
Wal qabsiisuun kan wal fakkaatanii fi hin fakkaanne waan jiraanif qajeelfama tokko hordofuun
barbaachisaa dha.
b. Sammuu dhala namaa
Waaqayyo dhala namaa hundaaf kan amananiifis hin amaneefis walqixa kan kenne sammuu
yaadu dha.
    Baay’een sammuu isaanii irraa kan ka’e yaada Waaqayyoo osoo hin raawwatin argamu.
    Sammuun dhala namaa Macaafa qulqulluu tti aanee burqaa aboo isa olaanaa dha.
    Hanga fedhe illee cubbuun sammuu namaa booressus waan hamaa fi gaarii adda
       baasufis yoo dangeefame, sammuu keenyaaf ajajamuun yemmuu murtee dabarsi nutty
      wantoota sirrii ta’an yeroo itti adda baafnu jira
    Karaa biraatiin ammoo sammuu keenyaan murtoo sirrii dabarsuu dandeenye iyyuu,
    sammuun dhala namaa raawwatee dogongora irraa kan qulqullaa’e dha jechuu miti.
i. Sammuun dhala namaa maal?
Sammuun wantoota qalbii namaa, seera qabeessa ta’aniif kan bitamuufi deebii kan kennu
eenyummaa keessa namaa ti.
i. Hojii sammuu
   a.Waantota addaan cinne bulcha.
   b.Waan sirrii fi dogongora ta’e adda kan baasu dha. 
iii. Kiristaana taanee osoo jirruu guutummaa guutuutti maalif sammuu keenyatti hin
hirannuu?
Hanga fedhe Kiristaanota taanu illee guutummaa guutuutti sammuu keenyatti hirkachuu hin
dandeenyu. Isa kanaaf immoo sababoota garaa garaatu jiru: 
    Sammuun sababa garaa garaan qabanaa’uu danda’a (1Xim 4:1-2)
    Guddinni yaad qalbii muraasa waan ta’eef (1Qor. 8-11 fi Rom 14) kutaa kana
     dubbisuun dhimmicha haala ifaa ta’een akka hubanna nu gargaara.
    Sammuun xuraa’uu danda’a. 
          - Nama Sammuun isaa xuraa’eef waaqayyoon tajaajiluun dhiphina.
- Waaqayyoon kan beekan yoo ta’an illee yeroo hunda hojii isaaniitiin in ganu.
- Namoonni akkasii waan sirriin isa kam akka ta’e yoo beekan illee adda baasanii
raawwachuun dhiphina guddaadha. Kanaaf sammuutti hirkachuun kasaaraa ta’a.
Iv. Amanamummaa sammuu akkamitti ol kaasuu dandeenya
 oYesuus Kiristoosiin akka fayyisaa lubbuutti fudhachuu fi duuka buutuu dhugaa ta’uu.
 oSagalee Waaqayyoo guyyaa guyyaan dubbisuun haaromsa addaan hin cinne gochuu .
 oDhugaa macaafa qulqulluuf ajajamuu.
 oNaamusa Kiristaanumaa hordofuun namootaaf fakkeenya ta’uu .
 oKeessattuu fiigicha hafuuraa Waaqayyoon malee waan hin dandaa’amneef sirriitti
     kadhachuu . 
C. Aadaa
   oAadaan ibsa saba tokkoo ti, mallattoo ittiin adda bahu dhas. Biyyi hundumtuu aadaa
         qabu
   oAadaa hundumtuu gaarii akka hin taane, aadaa hundumuu badaa miti
   oAadaa hundumtuu sirrii ta’us ta’uu baatus wal qixa.
   o Biyyi hundumtuu addaa ittiin bulmaata mataa isaa qaba.
Fakkeenyaaf:- Aadaa gaariin
      - Abbootii fi harmootii kabajuu
     - Maan guddootaaf dursa kennuu
     - Nama keessumessuu 
Kanneen kana ijaaruuf faayidaa isaanii simachuun barbaachisaa dha. Naamusatti dhihoo waan
ta’aniif itti fufuun in dandaa’ama.
Karaa biroon ammoo aadaa rakkina qaban, sirrii kan hin taane, kan armaan gadii ti
  - Umriin kan wal hin gitne wal fuusisuu
  - Dhaqna qabaa dubartii
  - butii – kanneen aadaa duubatti hafaa fi dhaabbachuu kan qabanii dha. Aadaan biroon
illee jijjiiramuu qabu malee hafuu qofa miti 
  Aadaan seerota macaafa Qulqulluun hanga walitti hin buunetti naamusa gaariif
madaallii ta’uu danda’a.
 Haa ta’u malee aadaan bakkaa bakkatti waan garaa gara ta’eef akka biyyoolessatti waan
ittiin madaalamu hin qabu.
Fakkeenyaaf: Warri Chaayinootaa arraba isaanii yemmuu baasan nagaa walgaafachuu
yoo ta’u, Itoophiyaa keessatti garuu mallattoo tuffii fi arrabsoo ti.
Kanaafuu aadaa hunda hojii irra oolchuuf rakkoo waan ta’uuf sagalee Waaqayyoon
madaaluu barbaachisa.
d. Muuxannoo
    Baroota keessatti – wal quunnamtii garaagaraa keessatti, leenjii garaa garaa fi iddoo
hojii irraa muuxannoonuti arganne waan gaariis ta’e gaarii hin taane raawwachuuf
gahee taphatu qaba. Kunis gara naamusaati fida.
   Kana irraa kan ka’e muuxannoo keenya akka burqaa abooti itti fayyadamuu dandeenya
   Dhugumaan muuxannoon beekumsa baay’ee kan ittiin guddifnu Yuniiversiitii guddaa
dha. Kanas ta’ee muuxannoo qabnu irratti guutummaa guutuu waan hin hirkanneef
macaafa qulqulluun madalaamuu qaba. 
e. Dandeettii sirriitti yaaduu
    Waan tokko gad fageenyaan yaaduu fi murtee kennuun dandeettii olaanaa gaafachuu
danda’a. Kana gochuun waan sirrii fi sirrii hin taane adda baasuu yoo danda’e akka
burqaa abboti fudhatamuu danda’a.
  Namni kan hubachuu danda’u dhala namaa kan uumee ofii isaatii fakkeenya akka ta’e
dha.
 Bifa Waaqayyoon uumamuun dhala namaa ammoo sirriitti yaaduu akka danda’uuf.
 Haala kanaan gad fageenyan yaaduun wantoota sirrii ta’an irratti xiyyeeffachuun
raawwachuutu irraa eegama.
 Akkuma warra kaannii, burqaa aboo isa kanas kan madaallu dhugaa sagalee Waaqayyoo
kan ta’e, macaafa qulqulluu dhaan. 
11. Naamusa Dagatame (Fakkeenyummaa Yesuus)
        Gooftaan keenya Yesuus kiristoos dhalli namaa akka itti jiraatuuf naamusa kakuu
haaraa qabatee gara biyya lafaa dhufe. Naamusa kana egaa Naamusa Kiristaanaa kan
jennu.
1. Akka saba kakuu Waaqayyootti jiraachuun Maal fakkaata?
    Yesuus kan fide naamusa haaraa ykn jireenya kiristaanaa barbaachisaa ta’e, isa dura
warrra turan biratti jechuun fariisota fi seera warra beekan biratti fudhatamu hin arganne
   Hanga du’aatti dabarsanii kennuu irraan kan geessise iyyuu isuma kana. Kun immoo
haala jireenya isaan mormuu dha.
  Seera bade sirreessuuf baay’ee ma’eera Qualqullummaan maal akka ta’e, seerri
Waaqayyoo maaliif akka kennamee fi akkamittis akka hiikamuu qabu agarsiiseera 
2. Naamusni mootummaa waaqayyoo maal?
Mootummaa Waaqayyoo kan jedhamuu kan naamusni isaas ka’u kan yesuus Kiristoos
saba cubbuun faalameef du’ee qajeelche dha. Kunis naamusa kakuu Haaraa keessatti
ta’uu malu dha. Inni kun naamusa yesuus kiristoos jedhamee beekama. Haalli jireenya
isaa wal xaxaa kan hin taane dha.
“Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti
hidhaa!” (Mat 6:33)
Kutaan macaafa qulqulluu kun kan nu hubachiisu jireenya gaarii jechuun bulchiinsa
mootummaa waaqayyoo jalatti ta’uu fi mootummaa isaa qofa hawwuun akka fedha
isaatti jireenya jiraatamu dha. Kana malee gammachuu garmalee bar baaduu miti.
   -“Yemmus yesus deebisee, Waaqayyo kee goofiticha garaa kee guutuu dhaan, yaada
kee guutuu dhaan is jaallachutu siit ta’a!” (Matt 22: 37)
   -“Nama akka mataa keettiiti jaallachuutu siif ta’a (Mat 22: 39) jechuun Yesuus ajaja
lama kenneera.
Naamusni Kiristaanaa dorgommii kan hin qabne jaalala guddaan ibsamuu qaba. Isa
kanaaf yesuus lubbuu isaa kan kenneef.
Yesuus fidee kan dhufe naamusni haaraan dursinee mootummaa Waaqayyoo fi
qulqullummaa isaa kan ittiin barbaannu irratti kan bu’uurefame dha. Kunis Waaqayyoo
wajjin walitti dhufeenya qabaannee maatii isaa ta’uu akka dandeenyuuf .

No comments

Contact form

Naamusa

4/list1/Naamusa

Search This Blog

raawwataman

block1/raawwataman

Cuupha Hafuura

video/Cuupha Hafuura

Kiristaanaa

block2/Kiristaanaa

About Us

Barumsaa macaafaqulqulluu barsiisu

Trending