Nature

4/sidebar/recent

Breaking News

Qaroominaa fi naamusa

                                                             Qaroominaa fi naamusa



* Jaarraa 21ffaa bara keessa jiraannu kana hojiiwwan duuka buutonni Kiristoos nut dabarsan
eeguun nurraa eegama kanaafuu eenyu illee osoo nu hin kakaasin mootummaa Waaqayyoo
keessatti miseensa ta’uu keenya qofa osoo hin taane, itti gaafatamummaa keenya bahuutu nurraa
eegama.
   
“Egaan attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee
akka warra ogeessota hin ta’iniitti hin jiraatinaa Guyyoonni kun guyyota gadhee waan
ta’aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa” (Efe 5:15-16). Yeroo
kam caalaatti yeroo ammaa ajajamuu dhabuu, of jaallachuu, maal jedhuun kan dhibee fi
hojiin dukkannaa kan itti baay’ate dha. Kanaaf bara badiisaa keessa baduu irraa of
qusachuu dha .
Waaqayyo baroota keessatti ijoollee isaaf mala ittiin waan hamaa keessa darban in
kennaaf. Kanaafuu hubannoo fi ogummaan yaadni Waaqayyoo maal akka ta’e hubachuun
raawwachuun mishaa dha.
Waldaan Kiristaanaa rakkoolee keessaa fi alaa itti dhufan cimtee keessa darbuu fi
kadhannaa fi sagalee Waaqayyoo barsiisutti of kennuu qabdi .
Bari kun bara namoonni sababa mataa isaanii dhi’eefatan itti baay’atan dha.
Barichi bara jijjiiramaa fi fooyya’iinsaa ti kunis maalif dhufe hin jedhamu. Haa ta’u
malee of eeggannoo baay’ee bakka barbaddutti of eeggannoo gochuun barbaachisaa dha.
Guddina baraa qofa duukaa yoo buune seerota Waaqayyoo nu dagachiisa. Seerotni
Waaqayyoo kan sagalee isaa keessatti kennaman ammoo hin jijjiiraman. Kanaaf
naamusaan walqabsiisuu kan sagalicha.
 1.Qaroomina jechuun maal jechuu dhaa?
Jaarraa 17ffaa fi 18ffaa keessa kan jalqabe jaarraa 19ffaa keessa ciminaan qaroomina mul’ate dha.
Bara kana irra caalaatti hubachuuf ilaalcha dargagoonni qaroominaan walqabatee jiru qaban haa
ilaallu .
      1.Namni sammuu isaa fayyadamee waan hundumaa hubachuu danda’a yaadni jedhu dubbii
        hafuuraa keessatti bakka hin qabu.
     2.Dhalli namaa karaa saayinsaawwaa ta’een waan hundumaa hubachuuf humna qaba.
     3.Jireenya adeemsaa keessa galuun hin hafu, addunyaa adeemsa irra jirtu keessatti .
     4.Haa ta’u malee bara baraan yaada kana kan faalleessan ka’aa jiru.
     5.Akka ilaalchaatti rakkoolee hundinuu furmaata qabu kun harka nama birmaduu bahe
        keessa jira.
    6.Qaroominni beekumsaan kan jiru dhiibbaa tokko malee dhaabbachuu kan danda’u dha.
          -Dhugichi waan tokko mariif hin dhi’aatu.
          -Amantiin nama dhuunfaa fi Hawwaasaan kan murteeffamu dha. Amantiin ykn
          Kiristaanummaan kana irraa adda kan tahe dha.
        -Ilaalchi akkanaa ammoo amantii warra adii baay’ee illee balleesse dha 
7.Dhalli namaa waan kami irraa illee walaba ta’ee kan uumame waan kamii wajjin illee
walitti hidhata hin qabu.
  -Waluumagalatti qarromini olaantummaan dhala namaa kan itti mo’ate akka ta’e
     hubachuun in dandaa’aama.
  -Karaa biraatiin ammoo uumaa kan itti dagatame dha .
  -Burqaan fi bu’uurri waan hundaa Waaqayyoo dha kan jedhu yeroo itti dagatame dha
 -Qaroomini waan gaariis hamaasna gonfachiiseera.
 -Qaroomini kun jaarraa 20ffaa kaasee babal’achaa kan jiru dha.
 -Kana malees amantii hundinuu sirrii dha yaada jedhu qaba.
 - Amantii hundinuu sirrii dha yemmuu jedhanitti (Budiisimiin, Islaamin, Kiristaanni,
     Amantiin yihundotaa hundi (sirrii dha) .Garaa garummaa tokko malee gara uumaatti geessu.
4. Karaa biraatiin amantii hundi gara Waaqayyootti geessuu danda’u jechuu dha. 
1. Kan ittiin adda bahan ammoo wal danda’uu jecha jedhutti kan fayyadamanii dha, amantii
hunduu sirrii dha warri jedhan .
- Kiristaana wanti adda godhu hin jiru .
- Dhugaan jirus walbira qabuun, haalaan malee seerri dhaabbataan baheef hin jiru jedhu .
- Kanaafuu barichi yeroo itti wal danda’uun jiraatanicha .
Naamusa badaa kan jedhus wal bira qabuun kan ilaalamudha malee akkasumaan miti. Akka
tasaa naamusa gaariif akkas jedhamee dubbatamuun haalli itti hin dandeenye in uumama ta’a.
2. Kan biroo ammoo yaada dhuunfaa ti (of jaallachuu) fi sassatina
- Jechoonni kunniin lamaan adda baasuuf nama dhibu
- Jechoonni ‘of jaallachuu’ fi ‘sassatuu’ jedhan bu’aa kufaatii yoo ta’an illee bara kanatti garuu
iddoo guddaa qabu.
- Qaroomina kan jedhamu fidee kan dhufe akka fedhii Waaqayyootti kan hin taane, adeemsa
badaa kan mootummaa Waaqayyootti hin geessine, gara jabinaan kan guute dha.
- Qaama tokko osoo taanee jiruu, walgargaaruun nuuf ta’a jennee osoo jirruu of jaallachuu
jechuun bu’uura kiristaanummaa nu harkaa gatuuf. Jarreen kun duuka buutota Kiristoos akka
ta’an odeeffannoo tokko illee irraa hin argannu.
3. Wantoonni hundinuu kan madaalaman namaan
- Giddu galeessi waan hundaa nama
- Kunis kan burqe waa’ee namaa qofa yaaduu irraati. Olaantumaa namaa qofa babal’isuun
qoroomina yeroo boodaa ta’aa dhufeera.
- Ol aantummaan namootaa kan ifatti bahuun beekameef ammoo namni waan hundumaa ofii
isaatiin bara murteeffatu waan ta’eef.
- Gammachuu hanga kenneefitti namni kamiyyuu wanta inni hojjetu isaaf sirrii dha. Kanaaf
dhugaan wal biraqabuun kan ilaalamu dha malee seera dhaabbataa hin qabu
- Sabummaa kan hordofan waanti uumame humna hafuuraa olitti jedhu. Waaqayyo uumaa waan
hundaa akka ta’etti hin fudhatan.
- Jireenyi haala biyya lafaa yemmuu maatii isaanii keessatti mul’atu argamaa jira .
- Haalli kun ammoo suuta suuta waldaa Kiristaanaa keessa galuuf jira. Jarreen kunnis akka
waldaan seera qabeessa gootee fudhatu gochuuf carraaqu .
- Jarreen kun barreeffama macaafa qulqulluu akka waan yeroon irra darbeetti lakkaa’u. Yaada
barichaan wal simu jechuun waa’ee jireenya bara baraa nu dagachiisaa jiru
- Har’a waldaa Kiristaanaa keessatti qabiyyee macaafa qulqulluu waliin kan walsimite bifa
Kiristoosiin uffate dhabaa jirra.
- Waldaa Kiristaanaa akka Waaqayyo ilaalutti ilaaluun gaarii ta’us, ifa ishee dhabaa deemuu
irraa kan ka’e kallattii ishee gad dhiiftee rakkoo baay’een ishee quunnamaa jira.
- Har’a waldaa Kiristaanaa keessatti kan arginu namoota wal mufatan, gaa’ela hiikame,
akkasumas walitti bu’iinsa garee gaa’eelaa keessa jiran gidduutti, obboloota gidduutti walitti
bu’iinsi babal’achaa dhufe ifa dhabuu isheen wal qabatee kan dhufe dha.
4. Dhalli Nama karaa saayinsaawwaa ta’een waan hundumaa hubachuu danda’a
      oKaraa saayinsaawwaa ta’een waan hundumaaf furmaata in kenna .
  oBalaa warra yaada kana geggeessanii. 
Fakkeenyaaf: Amantii qofaan rakkoo hiikamuu maluuf karaa saayinsii furmaata kennuuf
yemmuu dhama’an .
oAmantiin yoo saayinsiin hin mirkanoofnee ammansiisummaan isaa in shakkisiisa jedhu.
oBarsiisni Kiristaanaa waan hin mul’atne waan harkaan hin qabamne waan ta’eef dhugaa
ta’uu isaa gaaffii jala gala jedhu. Akkasumas kallattii jireenyaatti jedhamee kan
hordofamu miti jedhu
oYaadni kun balaa baay’ee kan qabu yoo ta’u:
  -Tokko tokko balaa isaan fiduuf jiraniif dantaa hinqaban .
  -Walkaan isaanii ammoo adeemsa kan in mormu.
  -Kaan ammoo cimsanii kan faana bu’ani dha.
oQaroomini yeroo booda kun egaan daangaa barbaachisaa malee akkasumaan callisaan
kan bira darbamu miti.
oMadaallii sirriin yaadalee of falaasama kamillee macaafa qulqulluu ta’uu qaba.
oDhaloota haaraa kana waan sirrii fi gaarii ta’e barsiifnee yoo qophoosine dha bor biyya
kan biyyaaf ta’an tauu danda’u . 
5. Naamusa Walbir-qabiin
Yaadni kun akka tasaa kan yeroo tokkotti biliqile miti. Yeroo baay’een dura dhugaa sagalee
Waaqayyoon akka hin madalaamti miliqee kan qormaataa ture dha. Dhaloonni bara kanaa
ammoo qaroomina bara boodaa kana kangeggeessu dha.
a. Naamusa wal bir-qabii jechuun maal jechuu dha?
Bakka gurguddoo sadiitti hirama
1. Aadaan kan wal bira qabamu 
2. Yaad qalbii sammuun kan wal bira qabamu
3. Labsii kan wal bira qabu
1. Aadaan kal walbira qabamu (Naamusa)
Gaarii ykn sirrii ta’uu fi dhiisuu waan tokkoo kan murteessamu aadaan.
Akka saba aadaa sanaatti sirrii dha, kun sirrii miti jedhee namni mormeuummaticha
keessatti in balaaleeffama.
Aadaan waan murteessuun rakkoo mata isaa danda’e yoo qabaate illee kan fayyadan
keessaa fudhachuun gaarii ta’a.
2. Yaadqalbii sammuun kal wal bira qabamu
Wanti nama tokkoof gaarii fi sirrii ta’an isa kaaniif immoo gaarii ta’uu waan dhiisuuf,
naamusni akkaataa filannoo fi muuxannoo nama dhuunfaatti ta’a jedhu.
Akkaataa uummataatti osoo hin taane akka nama dhuunfaatti naamusni ilaalamuu kan
qabu jedhu .
Namni kamiyyuu dhiibbaa eenyu illee malee, uummataa ykn hawaasa keessa jiraatu,
waan sammuu isaatti sirrii ta’e raawwachuu dhanda’a .
Waan anaaf ta’u anuu beeka, waan sirrii fi sirrii hin taane eenyu illee natti himuu hin
barbaachisu jedhu. Namni hundinuu waan sammuun isaa isa hin ceephaane yoo hojjete
naamusa gaarii dha.
Hojiin kamiyyuu ceephoo sammuu tokko malee raawwatamee nama dhuunfaa tokko yoo
fayyade, isa kaan irratti dhiibbaa akkamii illee haa uumuu sirrii dha. 
3. Labsiin kan wal bira qabu
Akka warra kanaatti ammoo namni tokko tokkoo isaa jirachuu kan qabu akkaataa seera
uummatichi baasee labseen ta’uu qaba
Kan buu’uurefatan aadaa dha malee seera dhaabbataa miti .
Kan ittiin daangeffamu :
1.Namni tokko aadaan dhaabbataan tokko bakka hin jirretti waan ittiin murtoo argatu waan
hin qabneef.
2.Akkaataa uummata tokkootti aadaan jiru marti sirrii dha jechuunis dogongora ta’uu waan
danda’uuf .
Fakkeenyaaf: Dhaqna qabnaa ijoolle durbaa .
3. Waan Hawaasni tokko itti amanee baase fooyyeessuun akka ilaalcha kanaatti sirrii miti.
Qaama biraa gidduu galchuunis ta’e qaama olaanaa kan jedhus hin jiru. 

No comments

Contact form

Naamusa

4/list1/Naamusa

Search This Blog

raawwataman

block1/raawwataman

Cuupha Hafuura

video/Cuupha Hafuura

Kiristaanaa

block2/Kiristaanaa

About Us

Barumsaa macaafaqulqulluu barsiisu

Trending